-
Yohaannis 2:1-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa ishii Galiilaatti cidhni gaaʼelaa tokko jira ture; haati Yesuusis achi turte. 2 Yesuusii fi barattoonni isaas cidha gaaʼelaa sana irratti affeeramanii turan.
3 Yommuu daadhiin wayinii dhumu haati Yesuus, “Daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. 4 Yesuus garuu, “Dubartii nana, dhimmi kun anaa fi siin ni ilaallataa?* Saʼaatiin koo amma iyyuu hin geenye” ishiidhaan jedhe. 5 Haati isaas, warra keessummeessaniin, “Wanta inni isinitti himu hunda godhaa” jette. 6 Yeroo kanatti akka seera qulqulleeffamuu Yihudootaatti+ gaaniiwwan dhagaa, tokkoon tokkoon isaanii safartuu dhangalaʼaa* lama yookiin sadii qabachuu dandaʼan jaʼa achi kaaʼamanii turan. 7 Yesuusis, “Gaaniiwwan kanatti bishaan guutaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan hamma afaan isaaniitti bishaan itti guutan. 8 Achiis Yesuus, “Amma buusaatii geggeessaa cidhichaatti kennaa” isaaniin jedhe. Isaanis buusanii itti geessan. 9 Geggeessaan cidhichaa, bishaan isa gara daadhii wayiniitti jijjiirame yommuu dhandhamu (tajaajiltoonni bishaan waraaban sun kana kan beekan taʼus), daadhiin sun eessaa akka dhufe waan hin beekneef misirricha waamee, 10 “Namni hundi jalqaba daadhii wayinii isa gaarii dhiheessa; yommuu namoonni machaaʼan immoo daadhii isa laafaa dhiheessa. Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursite” isaan jedhe. 11 Yesuus dinqii isaa isa jalqabaa kana Qaanaa ishii Galiilaatti raawwate; kanaanis ulfina isaa mulʼise;+ barattoonni isaas isatti ni amanan.
-