-
Yohaannis 9:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yesuus utuu karaa irra darbaa jiruu namicha qaro dhabeessa taʼee dhalate tokko arge. 2 Barattoonni isaas, “Rabbii,+ namichi kun, isa moo warra isaatu cubbuu hojjennaan qaro dhabeessa taʼee dhalate?” jedhanii isa gaafatan. 3 Yesuusis akkana jedhee deebise: “Hojiin Waaqayyoo isa irratti akka mulʼatuuf kun taʼe malee, namichi kunis taʼe warri isaa cubbuu hin hojjenne.+
-