9 bakka awwaalichaatii deebiʼaniis wantoota kana hunda warra Kudha Tokkottii fi warra kaan hundumaatti himan.+ 10 Isaanis, Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob turan. Dubartoonni isaanii wajjin turan kaanis wantoota kana ergamootatti himan.