-
Hojii Ergamootaa 4:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Ergamoonni humna guddaadhaan waaʼee duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus dhugaa baʼuu isaanii itti fufan;+ gaarummaan Waaqayyoo inni guddaanis hunda isaanii irra baayʼinaan jira ture.
-
-
Hojii Ergamootaa 17:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Haa taʼu malee, falaasota Ephiquriyotaa fi Istoyikootaa keessaa tokko tokko isaa wajjin falmuu jalqaban; tokko tokko, “Abbaan oduu kun maal dubbachuu barbaada?” jedhan. Kaan immoo, “Waaʼee waaqolii ormaa kan lallabu fakkaata” jedhu turan. Kana kan jedhanis, inni misiraachoo waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ibsu waan lallabuuf ture.+
-