-
Luqaas 23:13-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis Philaaxos dura buutota lubootaa, bulchitootaa fi namoota kaan walitti waamee 14 akkana isaaniin jedhe: “Isin namoota fincilaaf kakaasaa jira jettanii namicha kana natti fiddaniittu. Kunoo, ani isin duratti isa qoreera; garuu himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne.+ 15 Heroodis iyyuu homaa waan isa irratti hin arganneef gara keenyatti deebisee isa ergeera; namichi kun wanta isa ajjeesisu tokko illee hin raawwanne.
-