8 Yommuu ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa nama hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta!’+ jedhutti, ati immoo namni hamaan sun daandii isaa akka jijjiiru isa akeekkachiisuuf dubbachuu yoo dhiiste, inni nama hamaa waan taʼeef balleessaa isaatiin ni duʼa;+ dhiiga isaa garuu si irraa nan barbaada.