15 Gooftaan garuu akkana isaan jedhe: “Namni kun saboota,+ moototaa+ fi ilmaan Israaʼel duratti maqaa koo akka baatu, miʼa anaaf filatame+ waan taʼeef gara isaa dhaqi! 16 Sababiin isaas, maqaa kootiif rakkinni hammamii isa irra gaʼuu akka qabu ifatti isatti nan argisiisa.”+