17 Abraam yommuu umuriin isaa waggaa 99 taʼutti Yihowaan isatti mulʼatee akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha. Ana duratti deddeebiʼi; mudaa kan hin qabne taʼuu kees argisiisi. 2 Kakuu koo anaa fi si gidduutti nan cimsa;+ akka malees sin baayʼisa.”+