LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Ximotewos 6:3-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Namni tokko barumsa kan biraa kan barsiisu, akkasumas barumsa gaarii*+ isa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa dhufee wajjinis taʼe, barumsa Waaqayyoof buluu+ jajjabeessuu wajjin kan wal hin simne yoo taʼe, 4 inni boonuudhaan of bokokseera, homaas hin hubatu.+ Inni nama mormii kaasuu fi waaʼee jechootaa falmuu jaallatu dha.+ Wantoonni akkasii hinaaffaa, qoccolloo, maqaa balleessuu* fi shakkii hamaa kakaasu; 5 akkasumas, wantoonni akkasii warra sammuun isaanii mancaʼee+ fi dhugaan irraa fudhatame gidduutti dhimmoota xixinnoo irratti falmii wal irraa hin cinne kakaasu; namoonni kun Waaqayyoof kan bulan taʼuun karaa buʼaa itti argatan+ akka taʼetti yaadu.

  • Ibroota 13:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Barumsawwan garaa garaa keessummaa taʼaniin karaa irraa hin maqfaminaa; garaan namaa nyaataan* utuu hin taʼin gaarummaa guddaadhaan yoo cime wayya; namoonni nyaata irratti xiyyeeffatan faayidaa hin arganne.+

  • 2 Pheexiros 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, isin kana dursitanii waan beektaniif, dogoggora namoonni hamoon hojjetaniin gowwoofamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamnee fi ejjennoo cimaan qabdan akka hin laafne of eeggadhaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi