-
Filiphisiyus 4:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Dhugaa dubbachuuf, jalqaba erga misiraachicha dhageessanii booda, yeroon Maqedooniyaadhaa deeme, kennuu fi fudhachuu irratti isin qofa malee gumiin tokko illee akka anaa wajjin hin hirmaanne isin warri Filiphisiyus ni beektu;+ 16 sababiin isaas, yeroon Tasalonqee keessa ture, wanta na barbaachisu siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama naaf ergitaniittu.
-