-
2 Ximotewos 2:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Dubbii faayidaa hin qabnee fi wanta qulqulluu taʼe mormu irraa fagaadhu;+ sababiin isaas, wanti akkasii caalaatti Waaqayyoon tuffachuutti nama geessa; 17 dubbiin namoota akkasii akka gaangiriiniitti* babalʼachaa deema. Hemenewoosii fi Filexoos isaan keessaa tokko dha.+ 18 Namoonni kun duʼaa kaʼuun kanaan dura taʼeera+ jedhanii dubbachuudhaan dhugaa irraa jalʼataniiru; amantii namoota tokko tokkoos diigaa jiru.
-