-
Hojii Ergamootaa 15:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yeroo kanatti namoonni tokko tokko Yihudaadhaa gad buʼanii, “Akka Seera Museetti yoo dhaqna qabattan malee+ fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisuu jalqaban. 2 Kanaafuu, Phaawulosii fi Barnaabaas namoota sanaa wajjin mormii fi falmii guddaa erga godhanii booda, Phaawulosii fi Barnaabaas, akkasumas namoonni kan biroon tokko tokko dhimma* kana ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemitti argamanitti akka dhiheessan+ qophiin ni godhame.
-