-
1 Pheexiros 4:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kiristoos yeroo fooniin turetti rakkinni waan isa irra gaʼeef,+ isinis yaada* Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa; sababiin isaas, namni rakkinni isa irra gaʼe cubbuu hojjechuu dhiiseera;+ 2 kana kan godhus bara jireenyaa isaa isa hafe isa fooniin jiraatutti, fedhii namootaatiif utuu hin taʼin+ fedhii Waaqayyootiif+ jiraachuu akka dandaʼuufi.
-