-
Hojii Ergamootaa 24:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Bulchaan biyyaa sun, akka inni dubbatu mataa isaa raasee mallattoo yommuu isaaf kennu, Phaawulos akkana jedhee deebise:
“Ati waggoota hedduudhaaf saba kanaaf abbaa murtii taʼuu kee akka gaariittan beeka; kanaafuu, falmii koo gammachuudhaanan si duratti dhiheeffadha.+
-
-
Hojii Ergamootaa 25:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Phaawulos garuu akkana jedhe: “Ani barcuma murtii Qeesaar isan itti murtii argachuu qabu dura dhaabbadheera. Atis akka gaariitti akkuma beektu, ani Yihudoota irratti balleessaa hin hojjenne. 11 Ani dhuguma balleessaa yoon qabaadhee fi wanta na ajjeesisu akkamii iyyuu yoon hojjedheera taʼe,+ duʼuu hin qabu jedhee hin kadhadhu; himanni namoonni kun na irratti dhiheessan ragaa qabatamaa hin qabu taanaan garuu, namni tokko illee isaaniin gammachiisuuf jedhee dabarsee isaanitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!”+ 12 Achiis Feesxos gorsitoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” jedhee isaaf deebise.
-