-
Maatewos 15:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘Abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ akkasumas, ‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaatti wanta hamaa dubbatu* haa ajjeefamu’+ jedheera. 5 Isin garuu akkana jettu: ‘Namni abbaa isaatiin yookiin haadha isaatiin, “Wanti ani qabuu fi ittiin si gargaaruu dandaʼu hundi kennaa Waaqayyoof adda baafame dha”+ jedhu kam iyyuu 6 matumaa abbaa isaatiif ulfina kennuun isa hin barbaachisu.’ Kanaafuu, aadaa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistaniittu.+
-