-
Hojii Ergamootaa 2:29-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Yaa obbolootaa, ani waaʼee Daawit isa mataa maatii ture sanaa, inni akka duʼee fi akka awwaalame,+ awwaalli isaas hanga harʼaatti akka nu bira jiru ifatti akkan dubbadhu naa heyyamaa. 30 Inni raajii waan turee fi Waaqayyo sanyii* isaa keessaa isa tokko teessoo isaa irra akka kaaʼu kakaadhaan waadaa akka isaaf gale waan beekeef,+ 31 Kiristoos Awwaala* keessatti akka hin hafnee fi foon isaas akka hin tortorre waaʼee duʼaa kaʼuu isaa dursee ni arge, akkasumas ni dubbate.+ 32 Waaqayyo, Yesuus kana duʼaa kaaseera; nuti hundi keenya kanaaf ragaa baatota dha.+
-
-
Roomaa 1:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 waaʼee Ilma isaa isa karaa foonii sanyii Daawit+ keessaa dhufe sanaa kan ibsu dha.
-