-
Daaniʼel 3:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Namoonni sadan sun, jechuunis Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon garuu akkuma hidhamanitti ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti kufan.
24 Achiis Nebukadnezaar Mootichi baayʼee sodaatee ariitiidhaan kaʼee dhaabbatee abbootii taayitaa isaa warra ol aanoo taʼaniin, “Nuti hiinee ibiddichatti kan darbanne namoota sadii hin turree?” jedhe. Isaanis, “Eeyyee, yaa mootii” jedhanii isaaf deebisan. 25 Innis, “Kunoo, ani namoonni hin hidhamne afur ibiddicha gidduu asii fi achi yeroo deeman argaan jira; miidhaan isaan irra hin geenye; inni arfaffaan immoo ilma waaqolii fakkaata” jedhe.
-