-
Uumama 18:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Ol jedhee yommuu ilaalus, namoonni sadii xinnuma isa irraa fagaatanii dhaabbachuu isaanii arge.+ Yommuu isaan argus, balbala dunkaanichaa biraa kaʼee isaan simachuuf ni fiige; lafatti gombifamees ni sagade. 3 Achiis akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo, ana tajaajilaa kee bira hin darbin.
-
-
Uumama 19:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Maleekonni lamaan sun gara galgalaa biyya Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoom bira taaʼaa ture. Loox yommuu isaan argu, isaan simachuuf kaʼe; adda isaatiinis lafatti gombifamee sagade.+ 2 Achiis, “Maaloo, yaa gooftolii koo, gara mana ana tajaajilaa keessaniitti goraatii as bulaa; miilli keessanis isiniif haa dhiqamu. Achiis ganamaan kaatanii karaa keessan qajeeluu dandeessu” isaaniin jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Lakki, addabaabayii keessa bulla” jedhan. 3 Inni garuu cimsee waan isaan kadhateef, isaa wajjin gara mana isaa dhaqan. Achiis affeerraa isaaniif qopheesse; maxinoo isaaniif ni tolche; isaanis ni nyaatan.
-