-
1 Qorontos 5:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Amma garuu kanan isiniif barreessu, nama obboleessa jedhamee utuu waamamuu, halalee* yookiin sassattuu+ yookiin waaqolii tolfamoo kan waaqeffatu yookiin nama kan arrabsu yookiin machooftuu+ yookiin saamtuu+ taʼee wajjin michummaa qabdan akka dhiistaniifi;+ nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa.
-
-
Efesoon 4:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaafuu, isin kana booda akka saboonni kaan sammuu faayidaa hin qabneen*+ deddeebiʼanitti akka hin deddeebine+ ani maqaa Gooftaatiin kana nan dubbadha, akkasumas ragaa nan baʼa. 18 Isaan doofummaa waan qabanii fi garaan isaanii waan hadoodeef, sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru. 19 Miirri naamusaa isaanii guutummaatti waan hadoodeef, sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti*+ dabarsanii of kennaniiru.
-