16 Kana malees, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya inni nu jaallatee+ fi gaarummaa guddaadhaan jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuu kenne,+ 17 garaa keessan haa jajjabeessan, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaanis isin haa cimsan.