LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 19:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ammas isin of eeggannoodhaan sagalee kootiif yoo ajajamtanii fi kakuu koo yoo eegdan, guutummaan lafaa kan koo waan taateef,+ isin dhugumaan saboota hundumaa keessaa anaaf qabeenya addaa* ni taatu.+ 6 Isin anaaf mootummaa lubootaa fi saba qulqulluu ni taatu.’+ Wantoota kana Israaʼelotatti dubbadhu.”

  • Keessa Deebii 7:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu dha; Waaqni kee Yihowaan saboota lafa irra jiraatan hundumaa keessaa saba isaa, isa isaaf qabeenya addaa* taʼe akka taatu si filateera.+

  • Keessa Deebii 10:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Haa taʼu malee, Yihowaan kan itti dhihaatee fi jaalala isaa kan ibse abbootii keetti qofa dha; inni akkuma harʼa taʼetti saboota hundumaa keessaa isin warra sanyii isaanii taatan filateera.+

  • Miilkiyaas 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Guyyaa ani qabeenya addaa* isaan godhadhutti,+ isaan kan koo ni taʼu.+ Akkuma abbaan tokko ilma isaaf ajajamutti gara laafina argisiisu, anis gara laafina isaanitti nan argisiisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi