-
1 Ximotewos 1:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yaa Ximotewos ilma koo, raajiiwwan waaʼee kee dubbatamanii wajjin haala wal simuun, wantoota kanaan waraana isa gaarii sana irratti hirmaachuu kee akka itti fuftu qajeelfama* kana imaanaadhaan sitti nan kenna;+ 19 kanas amantii fi qalbii gaariidhaan+ raawwadhu; namoonni tokko tokko qalbii isaanii dhagaʼuu waan didaniif, amantiin isaanii akka doonii balaan irra gaʼeetti caccabeera.
-
-
1 Ximotewos 6:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Lola amantii isa gaarii sana loli; jireenya bara baraa isa itti waamamtee fi ragaa baatota hedduu duratti akka gaariitti labsiteef sana jabeessii qabadhu.
-