LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 28:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yesuus isaanitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.+

  • Filiphisiyus 2:9-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe;+ akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne;+ 10 kana kan godhes jilbi hundi, jechuunis samii keessa kan jiranii fi lafa irra kan jiran, akkasumas lafa jala kan jiran hundi maqaa Yesuusiin akka jilbeenfataniif,+ 11 arrabni hundis ulfina Waaqayyo Abbaatiif Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa ifatti akka beeksisuufi.+

  • 1 Ximotewos 6:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taʼe sun yeroo isaaf murteeffametti of mulʼisa. Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti;+

  • Mulʼata 17:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Isaan Hoolichaa+ wajjin wal lolu; taʼus Hoolichi Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa+ waan taʼeef isaan injifata.+ Warri isaa wajjin jiran, jechuunis warri waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanis ni injifatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi