Isaayyaas
20 Bara Saargon mootiin Asoor, Taartaanicha* gara Ashdooditti+ ergetti, inni Ashdoodiin waraanee qabate.+ 2 Yeroo sanatti Yihowaan karaa Isaayyaas+ ilma Amooz, “Dhaqiitii uffata gaddaa kee mudhii kee irraa hiiki, kophee kees miila kee irraa baasi” jedhee dubbate. Innis akkanuma ni godhe; qullaa isaa* fi miila isaa duwwaas asii fi achi ni deema ture.
3 Yihowaanis akkana jedhe: “Akkuma tajaajilaan koo Isaayyaas Gibxii+ fi Itoophiyaadhaaf+ mallattoo+ fi akeekkachiisa akka taʼutti waggaa sadiif qullaa isaa fi miila isaa duwwaa asii fi achi deemaa turetti, 4 mootiin Asooris namoota Gibxii fi namoota Itoophiyaa warra boojiʼaman+ ijoollee fi maanguddoota utuu hin jedhin qullaa isaanii fi miila isaanii duwwaa utuma hudduun isaanii mulʼatuu oofee ni fudhata; eeyyee, Gibxiin ni salphatti. 5 Isaanis ni sodaatu; Itoophiyaa ishii abdii isaanii taatee fi Gibxii ishii ittiin boonan sanatti* ni qaanaʼu. 6 Guyyaa sanatti jiraattonni qarqara galaanaa kanaa, ‘Abdii keenya ishii gargaarsa argachuu fi mootii Asoor jalaa ooluuf itti baqanne irra wanta gaʼe ilaalaa! Amma akkamitti miliqna ree?’ jedhu.”