Faarfannaa
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
101 Waaʼee jaalala amanamaa fi waaʼee haqaa nan faarfadha.
Yaa Yihowaa, ani siif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
2 Of eeggannoodhaan, akkasumas balleessaa malee* nan deddeebiʼa.
Ati yoom gara koo dhufta?
Mana koo keessatti garaa qajeelaadhaan nan deddeebiʼa.+
3 Wanta gatii hin qabne akkamii iyyuu ija koo dura hin kaaʼu.
Gochawwan namoota wanta sirrii taʼe irraa goranii nan jibba;+
Isaanii wajjin walitti dhufeenya hin qabu.*
4 Garaa micciiramaan na irraa fagoo dha;
Wanta hamaa taʼe hin fudhadhu.*
Nama ija of jajuu fi garaa of tuulu qabu kam iyyuu,
Ani isaaf hin obsu.
6 Akka isaan naa wajjin jiraataniif,
Gara namoota amanamoo lafa irra jiranii nan ilaala.
Namni balleessaa malee* deddeebiʼu na tajaajila.
7 Namni gowwoomsaa raawwatu mana koo keessa hin jiraatu,
Sobduunis na* dura hin dhaabbatu.