LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 30
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Wareega dhiirotaa (1, 2)

      • Wareega dubartootaa fi ijoollee durbaa (3-16)

Lakkoofsa 30:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 18:25

Lakkoofsa 30:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 28:20-22; Abo 11:30, 31
  • +Fr 132:1-5
  • +Kes 23:21; Fr 116:14; 119:106; Lal 5:4; Mat 5:33
  • +Fr 50:14; 66:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 5/2021, ful. 3

Lakkoofsa 30:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Lakkoofsa 30:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:12

Lakkoofsa 30:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 7:2; 1Qo 11:3; Efe 5:22

Lakkoofsa 30:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 11:3; 1Ph 3:1

Lakkoofsa 30:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Lakkoofsa 30:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 23:21

Yaada Wal Simu

Lak. 30:1Bau 18:25
Lak. 30:2Uma 28:20-22; Abo 11:30, 31
Lak. 30:2Fr 132:1-5
Lak. 30:2Kes 23:21; Fr 116:14; 119:106; Lal 5:4; Mat 5:33
Lak. 30:2Fr 50:14; 66:13
Lak. 30:5Bau 20:12
Lak. 30:8Rom 7:2; 1Qo 11:3; Efe 5:22
Lak. 30:121Qo 11:3; 1Ph 3:1
Lak. 30:15Kes 23:21
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 30:1-16

Lakkoofsa

30 Achiis Museen dura buutota+ gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Ajajni Yihowaan kenne kana dha: 2 Namni tokko Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareege+ yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega tokko wareeguudhaan+ dirqama keessa yoo of* galche, wanta jedhe sana cabsuu hin qabu.+ Wanta raawwachuuf kakate sana hundumaa raawwachuu qaba.+

3 “Intalli takka dargaggummaa ishiitti utuma mana abbaa ishii keessa jirtuu Yihowaadhaaf wareega tokko yoo wareegde yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa yoo of galchite, 4 abbaan ishiis wareega ishii yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa of* galchuu ishii dhagaʼee yoo ishii mormuu baate, wareegni ishii hundi dhaabbataa ni taʼa; wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan wanti dirqama keessa itti of galchite hundis dhaabbataa ni taʼa. 5 Haa taʼu malee, abbaan ishii wareegaan yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa of galchuu ishii dhagaʼee yoo ishii dhowwe wareegni sun dhaabbataa hin taʼu. Abbaan ishii waan ishii dhowweef Yihowaan ishiidhaaf dhiifama ni godha.+

6 “Haa taʼu malee, ishiin kakaa ishii yookiin waadaa ariifattee galuudhaan dirqama keessa itti of galchite jala utuma jirtuu nama tokkotti yoo heerumte, 7 abbaan manaa ishiis kana dhagaʼee guyyaa dhagaʼe sanatti yoo ishii mormuu baate, wareegni ishii yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan wanti dirqama keessa itti of galchite sun dhaabbataa ni taʼa. 8 Abbaan manaa ishii guyyaa kana dhagaʼetti yoo ishii dhowwe garuu, inni wareega sana yookiin waadaa ariifattee galuudhaan dirqama keessa itti of galchite sana diiguu ni dandaʼa;+ Yihowaanis ishiidhaaf dhiifama ni godha.

9 “Haa taʼu malee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe yookiin dubartiin abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte takka wareega tokko yoo wareegde, wanti ishiin dirqama keessa itti of galchite hundi dhaabbataa ni taʼa.

10 “Haa taʼu malee, dubartiin takka utuma mana abbaa manaa ishii keessa jirtuu wareega tokkoon yookiin wanta tokko irraa of qusachuuf wareega wareeguudhaan dirqama keessa yoo of galchite, 11 abbaan manaa ishiis kana dhagaʼee yoo ishii mormuu yookiin ishii diduu baate, wareegni ishii yookiin wareegni wanta tokko irraa of qusachuuf dirqama keessa itti of galchite kam iyyuu dhaabbataa ni taʼa. 12 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii guyyaa kana dhagaʼetti wanta ishiin wareegde yookiin wareega wanta tokko irraa of qusachuuf wareegde kam iyyuu guutummaatti yoo diige, wareegni sun dhaabbataa hin taʼu.+ Abbaan manaa ishii isa waan diigeef, Yihowaan ishiidhaaf dhiifama ni godha. 13 Wareega yookiin kakaa wareega of* cunqursuuf jecha wanta tokko irraa of qusachuuf wareegamu kam iyyuu ilaalchisee, abbaan manaa ishii wareegni sun dhaabbataa akka taʼu yookiin akka diigamu murteessuu qaba. 14 Guyyoonni darbaa yommuu deeman abbaan manaa ishii matumaa yoo ishii mormuu baate garuu, inni wareegni ishii fi wareegni wanta tokko irraa of qusachuuf wareegde hundi dhaabbataa akka taʼu godheera jechuu dha. Guyyaa wareega sana wareeguu ishii dhagaʼetti waan ishii hin mormineef, inni wareega sana dhaabbataa godheera. 15 Yeroo booda, jechuunis wareega sana erga dhagaʼee guyyoota muraasa booda wareega sana yoo diige garuu, inni rakkoowwan yakka ishiitiin dhufan ni baata.+

16 “Kun abbaa manaa tokkoo fi haadha manaa isaa, akkasumas abbaa tokkoo fi intala isaa ishii dargaggeettii taatee fi mana isaa keessa jiraattu ilaalchisee dambiiwwan Yihowaan Musee ajaje dha.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi