LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Daawitii fi Abishaag (1-4)

      • Adoniyaan teessoo fudhachuuf yaale (5-10)

      • Naataanii fi Baat Sheebaan tarkaanfii fudhatan (11-27)

      • Daawit Solomoon akka dibamu ajaje (28-40)

      • Adoniyaan gara iddoo aarsaatti baqate (41-53)

1 Mootota 1:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “guyyoonni isaas ni sokkan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 5:4; 1Se 29:26, 27

1 Mootota 1:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:17, 22
  • +Iya 19:17, 18

1 Mootota 1:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 3:2, 4; 1Se 3:1, 2
  • +2Sa 15:1

1 Mootota 1:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “miira isaa miidhee; isa ifatee.”

1 Mootota 1:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 20:25
  • +1Mo 2:22

1 Mootota 1:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:17
  • +2Sa 20:23; 1Se 27:5
  • +2Sa 7:2; 12:1
  • +1Mo 4:7, 18
  • +2Sa 23:8; 1Se 11:10

1 Mootota 1:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 15:12

1 Mootota 1:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:4, 5
  • +2Sa 11:3, 27
  • +2Sa 12:24
  • +2Sa 3:2, 4

1 Mootota 1:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 9:4-6; 1Mo 1:21; 2Mo 11:1

1 Mootota 1:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 22:9; 28:5; 29:1

1 Mootota 1:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:1, 3

1 Mootota 1:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:13; 1Se 22:9, 10

1 Mootota 1:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:5, 11

1 Mootota 1:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:7
  • +1Mo 1:9, 10

1 Mootota 1:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:14

1 Mootota 1:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:5

1 Mootota 1:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 15:12
  • +1Mo 1:5, 7

1 Mootota 1:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 27:5

1 Mootota 1:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu koo fureen.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 71:23; 103:4

1 Mootota 1:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 20:23; 23:20; 1Se 27:5
  • +1Mo 1:8

1 Mootota 1:33

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gaangee dhaltuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:38; Luq 19:33-35
  • +2Se 32:30

1 Mootota 1:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 16:13
  • +1Sa 10:1, 24; 2Sa 15:10; 2Mo 11:12

1 Mootota 1:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 28:20
  • +1Mo 3:12; 10:23; Fr 72:8

1 Mootota 1:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 27:5
  • +2Sa 15:18; 1Se 18:17
  • +1Mo 1:33; Mat 21:7
  • +2Se 32:30

1 Mootota 1:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 30:23-25; 1Sa 16:13
  • +2Sa 6:17
  • +1Se 29:22

1 Mootota 1:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 4:5

1 Mootota 1:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:9, 25

1 Mootota 1:42

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ulfina qabeessa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 15:36; 17:17

1 Mootota 1:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:33, 34

1 Mootota 1:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 21:14; 38:1, 2; 1Mo 2:28

1 Mootota 1:52

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:23

Yaada Wal Simu

1Mot. 1:12Sa 5:4; 1Se 29:26, 27
1Mot. 1:31Mo 2:17, 22
1Mot. 1:3Iya 19:17, 18
1Mot. 1:52Sa 3:2, 4; 1Se 3:1, 2
1Mot. 1:52Sa 15:1
1Mot. 1:72Sa 20:25
1Mot. 1:71Mo 2:22
1Mot. 1:81Mo 4:7, 18
1Mot. 1:82Sa 23:8; 1Se 11:10
1Mot. 1:82Sa 8:17
1Mot. 1:82Sa 20:23; 1Se 27:5
1Mot. 1:82Sa 7:2; 12:1
1Mot. 1:92Sa 15:12
1Mot. 1:112Sa 7:4, 5
1Mot. 1:112Sa 11:3, 27
1Mot. 1:112Sa 12:24
1Mot. 1:112Sa 3:2, 4
1Mot. 1:12Abo 9:4-6; 1Mo 1:21; 2Mo 11:1
1Mot. 1:131Se 22:9; 28:5; 29:1
1Mot. 1:151Mo 1:1, 3
1Mot. 1:171Mo 1:13; 1Se 22:9, 10
1Mot. 1:181Mo 1:5, 11
1Mot. 1:191Mo 1:7
1Mot. 1:191Mo 1:9, 10
1Mot. 1:221Mo 1:14
1Mot. 1:241Mo 1:5
1Mot. 1:252Sa 15:12
1Mot. 1:251Mo 1:5, 7
1Mot. 1:261Se 27:5
1Mot. 1:29Fr 71:23; 103:4
1Mot. 1:322Sa 20:23; 23:20; 1Se 27:5
1Mot. 1:321Mo 1:8
1Mot. 1:331Mo 1:38; Luq 19:33-35
1Mot. 1:332Se 32:30
1Mot. 1:341Sa 16:13
1Mot. 1:341Sa 10:1, 24; 2Sa 15:10; 2Mo 11:12
1Mot. 1:371Se 28:20
1Mot. 1:371Mo 3:12; 10:23; Fr 72:8
1Mot. 1:381Se 27:5
1Mot. 1:382Sa 15:18; 1Se 18:17
1Mot. 1:381Mo 1:33; Mat 21:7
1Mot. 1:382Se 32:30
1Mot. 1:39Bau 30:23-25; 1Sa 16:13
1Mot. 1:392Sa 6:17
1Mot. 1:391Se 29:22
1Mot. 1:401Sa 4:5
1Mot. 1:411Mo 1:9, 25
1Mot. 1:422Sa 15:36; 17:17
1Mot. 1:441Mo 1:33, 34
1Mot. 1:50Bau 21:14; 38:1, 2; 1Mo 2:28
1Mot. 1:521Mo 2:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
  • 53
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 1:1-53

Mootota Tokkoffaa

1 Daawit Mootichi ni dulloome;+ umuriin isaas ni sokke;* uffata dabalataa yoo itti uwwisan iyyuu isatti hoʼuu hin dandeenye. 2 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa, “Durbi takka gooftaa keenya mootichaaf haa barbaadamtu; ishiinis mooticha haa tajaajiltu, akkasumas isa haa kunuunsitu. Gooftaan keenya mootichi akka itti hoʼuuf, ishiin isatti siqxee ni ciisti” isaan jedhan. 3 Isaanis guutummaa naannoo Israaʼel keessaa shamarree bareedduu barbaadanii Abishaag+ Shunaamittii+ argatan; gara mootichaattis ishii fidan. 4 Shamarreen tun baayʼee bareedduu turte; ishiinis isa ni kunuunsite, akkasumas ni tajaajilte; haa taʼu malee, mootichi ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.

5 Kana gidduutti Adoniyaa+ ilmi Haagiit, “Ani mootiin taʼa!” jechuudhaan of guguddisuu jalqabe. Inni gaarii fardaa abbootii fardeenii wajjin, akkasumas namoota 50 isa dura fiigan qopheeffate.+ 6 Haa taʼu malee, abbaan isaa takkaa illee, “Maaliif akkana goote?” jedhee isa mormee* hin beeku ture. Kana malees, inni baayʼee miidhagaa ture; haati isaa kan isa deesse erga Abishaalom dhalatee booda ture. 7 Innis Yoʼaab ilma Zeruuyaa fi Abiyaataar+ lubichaa wajjin ni mariʼate; isaanis Adoniyaadhaaf gargaarsaa fi deggersa ni godhan.+ 8 Saadoq+ lubichi, Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa, Naataan+ raajichi, Shimeʼiin,+ Reʼiinii fi loltoonni Daawit warri jajjaboon+ garuu Adoniyaa hin deggerre.

9 Dhuma irrattis Adoniyaan hoolota, loonii fi horiiwwan coccoomoo dhagaa Zoheleet isa Een Rogeelitti dhihoo jiru biratti aarsaa godhee dhiheesse;+ inni obboloota isaa warra ilmaan mootichaa taʼan hundumaa fi namoota Yihudaa warra tajaajiltoota mootichaa taʼan hundumaa ni waame. 10 Haa taʼu malee, inni Naataan raajicha, Benaayaa fi loltoota jajjaboo, yookiin obboleessa isaa Solomooniin hin waamne. 11 Achiis Naataan+ Baat Sheebaa+ haadha Solomooniin+ akkana jedhe: “Ati Adoniyaan+ ilmi Haagiit mootii akka taʼe, gooftaan keenya Daawit immoo waaʼee kanaa homaa akka hin beekne hin dhageenyee? 12 Ammas maaloo, kottu, lubbuu kee fi lubbuu ilma kee Solomoon akka oolchitu sin gorsa.+ 13 Gara Daawit Mootichaatti seeniitii akkana isaan jedhi: ‘Yaa gooftaa koo yaa mootii, “Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha”+ jechuudhaan ana tajaajiltuu teetiif kan kakate si mitii? Maarree, Adoniyaan mootii kan taʼe maaliifi?’ 14 Ati utuu mootichatti dubbachaa jirtuu, ani si booda seenee wanti ati dubbatte dhugaa taʼuu isaa nan mirkaneessa.”

15 Kanaafuu, Baat Sheebaan gara mootichaa, gara kutaa dhuunfaa isaatti ni seente. Mootichi baayʼee dulloomee ture; Abishaag+ Shunaamittiinis mooticha kunuunsaa turte. 16 Achiis Baat Sheebaan gad jettee mootichaaf ni sagadde; mootichis, “Gaaffiin kee maali dha?” ishiidhaan jedhe. 17 Ishiinis deebistee akkana jette: “Yaa gooftaa koo, ‘Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha’ jechuudhaan maqaa Waaqa kee Yihowaatiin ana tajaajiltuu teetiif kan kakate siʼi.+ 18 Garuu kunoo, Adoniyaan mootii taʼeera; gooftaan koo mootichis waaʼee kanaa homaa hin beeku.+ 19 Inni qotiyyoo, horiiwwan coccoomoo fi hoolota hedduu aarsaa godhee, ilmaan mootichaa hunda, Abiyaataar lubichaa fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabiin waameera;+ tajaajilaa kee Solomooniin garuu hin waamne.+ 20 Ammas yaa gooftaa koo yaa mootii, gooftaa koo mooticha booda teessoo isaa irra kan taaʼu eenyu akka taʼe akka isaanitti himtuuf Israaʼelonni hundi si eegaa jiru. 21 Taʼuu baannaan, akkuma gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqoteen, anii fi ilmi koo Solomoon akka gantootaatti ilaalamna.”

22 Ishiin utuma mootichatti dubbachaa jirtuu, Naataan raajichi ol ni seene.+ 23 Yeruma sanas, “Naataan raajichi kunoo ti” jedhamee mootichatti himame. Innis gara mootichaatti seenee, adda isaatiin lafatti gombifamee mootichaaf ni sagade. 24 Achiis Naataan akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, ati, ‘Adoniyaan anatti aansee mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha’ jetteettaa?+ 25 Harʼa inni qotiyyoo, horii coccoomoo fi hoolota hedduu aarsaa godhee dhiheessuuf gad buʼeera;+ ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota raayyaa waraanaa fi Abiyaataar lubichas waameera.+ Isaan achitti isaa wajjin nyaachaa fi dhugaa, akkasumas ‘Adoniyaan Mootichi bara baraaf haa jiraatu!’ jechaa jiru. 26 Haa taʼu malee, inni ana tajaajilaa kee yookiin Saadoq lubicha yookiin Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa yookiin tajaajilaa kee Solomooniin hin waamne. 27 Gooftaan koo mootichi namni isatti aansee teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu eenyu akka taʼe utuu ana tajaajilaa isaatti hin himin kun akka taʼu heyyameeraa?”

28 Yeroo kanatti Daawit Mootichi deebisee, “Baat Sheebaa naaf waamaa” jedhe. Ishiinis ol seentee mooticha dura dhaabbatte. 29 Achiis mootichi akkana jedhee kakate: “Yihowaa isa jiraataa isa dhiphina hundumaa irraa na oolcheen*+ nan kakadha, 30 akkuma ani, ‘Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; bakka koo buʼee teessoo koo irra kan taaʼu isa dha!’ jedhee Yihowaa Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe, harʼa kana nan raawwadha.” 31 Achiis Baat Sheebaan adda ishiitiin lafa geessee mootichaaf sagaduudhaan, “Gooftaan koo Daawit Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jette.

32 Daawit Mootichis yeruma sana, “Saadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa+ naaf waamaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan ol seenanii mooticha duratti dhihaatan. 33 Mootichis akkana isaaniin jedhe: “Tajaajiltoota gooftaa keessanii fudhadhaa; ilma koo Solomooniinis gaangee*+ koo irra kaaʼaatii gara Giyoonitti+ gad isa geessaa. 34 Saadoq lubichii fi Naataan raajichi achitti Israaʼel irratti mootii godhanii isa ni dibu;+ achiis xurumbaa* afuufaatii, ‘Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!’+ jedhaa. 35 Sana booda isa duukaa buʼaatii deebiʼaa; innis ol seenee teessoo koo irra ni taaʼa; bakka koos mootii ni taʼa; anis Israaʼelii fi Yihudaa irratti geggeessaa godhee isa nan muuda.” 36 Benaayaan ilmi Yehoyaadaas yeruma sana mootichaan akkana jedhe: “Ameen! Yihowaan Waaqni gooftaa koo mootichaa kana haa dhugoomsu. 37 Yihowaan akkuma gooftaa koo mootichaa wajjin ture, Solomoonii wajjinis haa taʼu;+ inni teessoo isaa teessoo gooftaa koo Daawit Mootichaa caalaa guddaa haa godhu.”+

38 Achiis Saadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa, akkasumas Kereetonnii fi Pheleetonni+ gad buʼanii Solomooniin gaangee Daawit Mootichaa irra kaaʼanii+ gara Giyoonitti+ isa fidan. 39 Saadoq lubichis gaanfa zayitichaa+ dunkaana+ keessaa fudhatee Solomooniin ni dibe;+ isaanis xurumbaa afuufuu jalqaban; namoonni sun hundis, “Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhanii iyyuu jalqaban. 40 Sana booda namoonni sun hundi ulullee afuufaa fi baayʼee gammadaa isa duukaa buʼanii ol baʼan; iyya isaanii irraan kan kaʼes lafti ni baqaqxe.+

41 Adoniyaanii fi namoonni inni waame hundi yommuu nyaatanii fixan sagalee kana ni dhagaʼan.+ Yoʼaab sagalee xurumbaa akkuma dhagaʼeen, “Iyyi magaalaa keessaa dhagaʼamu kun maal inni?” jedhe. 42 Utuma inni dubbachaa jiruus, Yonaataan+ ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Achiis Adoniyaan, “Ol seeni, ati nama gaarii* waan taateef oduu gaarii fiddee dhuftee taʼuu qaba” isaan jedhe. 43 Yonaataan garuu akkana jedhee Adoniyaadhaaf deebise: “Lakki akkana miti! Gooftaan keenya Daawit Mootichi Solomooniin mootii godheera. 44 Mootichi Saadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa, akkasumas Kereetotaa fi Pheleetota isaa wajjin ergeera; isaanis gaangee mootichaa irra isa kaaʼaniiru.+ 45 Achiis Saadoq lubichii fi Naataan raajichi Giyoon keessatti mootii godhanii isa diban. Sana booda isaan gammachuudhaan achii ni dhufan; magaalattiinis iyyaan guutamte. Iyyi isin dhageessanis isa kana dha. 46 Kana malees, Solomoon teessoo mootii irra taaʼeera. 47 Dabalataanis tajaajiltoonni mootichaa, ‘Waaqni kee maqaa Solomoon maqaa kee caalaa ulfina qabeessa haa godhu; inni teessoo isaa teessoo kee caalaa guddaa haa godhu!’ jechuudhaan gooftaa keenya Daawit Mootichaaf gammachuu isaanii ibsuuf ol seenaniiru. Yeroo kanatti mootichi siree isaa irratti ni sagade. 48 Achiis mootichi, ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel inni harʼa ilmi koo teessoo koo irra akka taaʼu godhee fi ijji koos kana akka argu heyyame haa eebbifamu!’ jedhe.”

49 Namoonni Adoniyaan waame hundis ni sodaatan; achiis tokkoon tokkoon isaanii kaʼanii karaa karaa isaanii qajeelan. 50 Adoniyaanis Solomooniin kan kaʼe ni sodaate; kanaafuu, kaʼee dhaqee gaanfota iddoo aarsaa qabate.+ 51 Solomoonis, “Kunoo, Adoniyaan Solomoon Mooticha sodaateera; inni, ‘Solomoon Mootichi ana tajaajilaa isaa goraadeedhaan akka hin ajjeesne dura naaf haa kakatu’ jechuudhaan gaanfota iddoo aarsaa qabateera” oduu jedhu ni dhagaʼe. 52 Yeroo kanatti Solomoon, “Inni amala gaarii yoo qabaate, rifeensa mataa isaa keessaa tokko illee lafa hin buʼu; wanti hamaan isa irratti yoo argame+ garuu ni ajjeefama” jedhe. 53 Kanaafuu, Solomoon Mootichi iddoo aarsaatii akka gad isa buusaniif nama itti erge. Innis ol seenee Solomoon mootichaaf ni sagade; sana booda Solomoon, “Gara mana kee dhaqi” isaan jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi