Iyyoob
41 “Hookkoo qurxummiitiin Lewaataaniin*+ qabuu
Yookiin wadaroodhaan arraba isaa gad qabuu ni dandeessaa?
3 Inni irra deddeebiʼee si kadhataa?
Yookiin gaarummaadhaan sitti dubbataa?
4 Umurii kee guutuu garbicha akka isa godhattuuf,
Inni sii wajjin kakuu ni galaa?
5 Akkuma simbirroo wajjin taphattutti isaa wajjin ni taphattaa?
Yookiin intala tee ishii xinnoo ittiin taphachiisuuf funcaadhaan isa ni hiitaa?
6 Daldaltoonni ittiin ni jijjiirratuu?
Qanxabdoonni hoo isa ni hihiratuu?
7 Gogaa isaa eeboo furguggifamuun*+
Yookiin mataa isaa eeboo qurxummii ittiin waraananiin ni waraantaa?
8 Mee harka kee isa irra kaaʼi,
Yoom iyyuu lola kana hin irraanfattu, lammatas itti hin deebitu!
9 Toʼannaa jala isa galchuuf abdachuun wanta gatii hin qabne dha.
Isuma ilaaluun illee baayʼee si sodaachisa.*
10 Eenyu iyyuu isa tuttuquuf hin onnatu.
Maarree na dura dhaabbachuu kan dandaʼu eenyu?+
11 Akkan isaaf deebisuuf jalqaba waa kan naaf kenne eenyu?+
Wanti samii jalatti argamu kam iyyuu kan koo ti.+
12 Ani waaʼee harkaa fi miila isaa,
Waaʼee guddina isaa fi ijaarsa qaama isaas nan dubbadha malee calluma hin jedhu.
13 Uffata isaa isa irraan uffate kan irraa baase eenyu?
Mangaagaa isaa isa banamaa keessa kan seenu eenyu?
14 Balbala afaan* isaa humnaan banuu kan dandaʼu eenyu?
Ilkaan isaa inni afaan isaatti marsee jiru sodaachisaa dha.
15 Dugdi isaa qola tarree galee kaaʼamee*
Akka gaariitti walitti maxxane qaba.
16 Inni tokko isa kan biraa wajjin baayʼee kan walitti siqe waan taʼeef,
Gidduu isaanii qilleensi illee seenuu hin dandaʼu.
17 Isaan walitti maxxananiiru,
Waan walitti fayyaniifis gargar baʼuu hin dandaʼan.
18 Haxxiffuun isaa ifa maddisiisa,
Ijji isaas akkuma carallaa barraaqa baʼuu ti.
19 Ifni bakakkaa afaan isaa keessaa ni baʼa;
Qaanqeen ibiddaas achi keessaa utaalee ni baʼa.
20 Akkuma iddoo ibiddaa citaan keessaa bobaʼuutti,
Funyaan isaa keessaa aarri ni yaaʼa.
21 Hafuurri isaa cilee bobeessa,
Laboobnis afaan isaa keessaa utaalee baʼa.
22 Morma isaa keessa jabina guddaatu jira,
Warri isa argan hundis ni romʼu.
23 Dachaʼaan foon isaa cimee kan wal qabate dha;
Akkuma waan irratti baqfameettis kan hin sochoonee fi cimaa dha.
24 Onneen isaa akkuma dhagaa jabaa dha,
Eeyyee, akkuma dhagaa daakuu jabaa dha.
25 Inni yommuu ol kaʼu warri jajjaboon illee ni sodaatu;
Bishaanicha yommuu rukutu nama naasisa.
26 Goraadeen, eeboon, eeboon akka xiyyaa yookiin qarri xiyyaa
Isa tuqu kam iyyuu isa hin moʼu.+
27 Inni sibiila akka citaatti,
Sibiila diimaas akka muka tortoreetti ilaala.
28 Xiyyi akka baqatu isa hin godhu,
Dhagaan furrisaas isaaf akkuma hoffaa ti.
29 Inni ulee furdaa akkuma hoffaatti ilaala,
Mirmirsa bodeettis ni kolfa.
30 Jalli isaa akkuma qara qiraacii ti;
Akkuma konkolaataa ittiin midhaan siribsiisaniittis*+ yeroo dhoqqee irra deemu mallattoo kaaʼee darba.
31 Bishaan gad fagoo akkuma distiitti danfisa,
Galaanas akkuma miʼa dibataatti borca.
32 Daandii isaa irratti mallattoo calaqqisu kaaʼee darba.
Namnis bishaan gad fagoon sun harrii akka qabu godhee yaada.
33 Uumamni sodaa akka hin qabaannetti uumame,
Lafa irra kan akka isaa tokko illee hin jiru.
34 Wanta of tuulu hundumaa irratti ija babaasa.
Inni bineensota sodaachisoo taʼan hundumaa irratti mootii dha.”