Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Qabiyyee 1 Moototaa 1 MOOTOTA QABIYYEE KITAABICHAA 1 Daawitii fi Abishaag (1-4) Adoniyaan teessoo fudhachuuf yaale (5-10) Naataanii fi Baat Sheebaan tarkaanfii fudhatan (11-27) Daawit Solomoon akka dibamu ajaje (28-40) Adoniyaan gara iddoo aarsaatti baqate (41-53) 2 Daawit Solomooniif qajeelfama kenne (1-9) Daawit ni duʼe; Solomoon mootii taʼe (10-12) Fincilli Adoniyaa duʼaaf isa saaxile (13-25) Abiyaataar ni ariʼame; Yoʼaab ni ajjeefame (26-35) Shimeʼiin ni ajjeefame (36-46) 3 Solomoon intala Faraʼoon fuudhe (1-3) Yihowaan abjuudhaan Solomoonitti mulʼate (4-15) Solomoon ogummaa argachuuf kadhate (7-9) Solomoon haadholii lamaaf murtii kenne (16-28) 4 Bulchiinsa Solomoon (1-19) Badhaadhina bara bulchiinsa Solomoonitti ture (20-28) Muka wayinii fi muka harbuu jalatti tasgabbiidhaan jiraachuu (25) Ogummaa Solomoonii fi fakkeenyota inni dubbate (29-34) 5 Hiiraam Mootichi miʼawwan ijaarsaa dhiheesse (1-12) Solomoon warra hojii dirqamaa hojjetan filate (13-18) 6 Solomoon mana qulqullummaa ijaare (1-38) Kutaa isa gara keessaa (19-22) Kiruubelota (23-28) Fakkiiwwan bocaman, balbaloota, mooraa isa keessaa (29-36) Ijaarsi mana qulqullummaa gara waggaa torbaatti xumurame (37, 38) 7 Mana mootummaa Solomoon (1-12) Hiiraam inni dandeettii guddaa qabu Solomooniin gargaare (13-47) Utubaawwan sibiila diimaa lamaan (15-22) Galaana sibiila baqfame irraa tolfame (23-26) Gaariiwwanii fi miʼawwan bishaanii sibiila diimaa kurnan (27-39) Miʼawwan warqii irraa tolfaman (48-51) 8 Taabotichi mana qulqullummaa keessa kaaʼame (1-13) Solomoon uummatichaaf haasaa dhiheesse (14-21) Kadhannaa Solomoon yeroo manni qulqullummaa murteeffametti dhiheesse (22-53) Solomoon uummaticha eebbise (54-61) Aarsaawwan ni dhihaatan, manni qulqullummaan ni murteefame (62-66) 9 Yihowaan yeroo lammaffaadhaaf Solomoonitti mulʼate (1-9) Kennaa Solomoon Hiiraamiif kenne (10-14) Solomoon wantoota garaa garaa ijaare (15-28) 10 Mootuun Sheebaa gara Solomoon dhaqxe (1-13) Qabeenya guddaa Solomoon qabu (14-29) 11 Haadhotiin manaa Solomoon garaa isaa jalʼisan (1-13) Mormitoota Solomoon (14-25) Yeroboʼaam gosoonni kudhan akka isaaf kennaman waadaan ni galameef (26-40) Solomoon ni duʼe; Rooboʼaam mootii taʼe (41-43) 12 Rooboʼaam deebii gaarii hin taane kenne (1-15) Gosoonni kurnan fincila kaasan (16-19) Yeroboʼaam mootii Israaʼel taʼe (20) Rooboʼaam Israaʼeliin akka hin waraanne dhowwame (21-24) Waaqeffannaa jabbii Yeroboʼaam hundeesse (25-33) 13 Raajii iddoo aarsaa Beetelitti argamu irratti dubbatame (1-10) Iddoon aarsaa ni baqaqe (5) Namni Waaqaa tokko ajajamuu dide (11-34) 14 Raajii Ahiyaan Yeroboʼaam irratti dubbate (1-20) Rooboʼaam Yihudaa irratti mootii taʼe (21-31) Weerara Shishaaq raawwate (25, 26) 15 Mootii Yihudaa kan taʼe Abiyaam (1-8) Mootii Yihudaa kan taʼe Aasaa (9-24) Mootii Israaʼel kan taʼe Naadaab (25-32) Mootii Israaʼel kan taʼe Baʼaashaa (33, 34) 16 Murtii Yihowaan Baʼaashaa irratti dabarse (1-7) Mootii Israaʼel kan taʼe Eelaa (8-14) Mootii Israaʼel kan taʼe Zimrii (15-20) Mootii Israaʼel kan taʼe Omrii (21-28) Mootii Israaʼel kan taʼe Ahaab (29-33) Hiʼeel Yerikoo deebisee ijaare (34) 17 Eeliyaas raajichi ongeen akka dhufu raajii dubbate (1) Arraagessonni Eeliyaasiin sooran (2-7) Eeliyaas gara dubartii Saraaptaa abbaan manaa irraa duʼe tokkoo dhaqe (8-16) Ilmi dubartii abbaa manaa irraa duʼee ni duʼe; duʼaas ni kaafame (17-24) 18 Eeliyaas Obaadiyaa fi Ahaabii wajjin wal arge (1-18) Eeliyaas Qarmeelositti raajota Baʼaalii wajjin wal morke (19-40) ‘Yaada lamaan okkoluu’ (21) Ongeen waggaa sadii fi walakkaadhaaf ture ni dhaabbate (41-46) 19 Eeliyaas Iizaabel jalaa baqate (1-8) Yihowaan Horeebitti Eeliyaasitti mulʼate (9-14) Eeliyaas, Hazaaʼeliin, Yehuu fi Eelsaaʼiin akka dibu itti himame (15-18) Eelsaaʼi Eeliyaasiin akka bakka buʼu muudame (19-21) 20 Warri Sooriyaa Ahaab irratti waraana banan (1-12) Ahaab warra Sooriyaa ni moʼe (13-34) Raajii Ahaab irratti dubbatame (35-43) 21 Ahaab maasii wayinii Naabot fudhachuu hawwe (1-4) Iizaabel Naabot akka ajjeefamu haala mijeessite (5-16) Ergaa murtii Eeliyaas Ahaab irratti dubbate (17-26) Ahaab gad of qabe (27-29) 22 Yoshaafaax Ahaabii wajjin michummaa uume (1-12) Mikaayaan akka moʼaman raajii dubbate (13-28) Hafuurri dogoggorsu tokko Ahaabiin akka gowwoomsu dubbate (21, 22) Ahaab Raamot Giiliyaaditti ajjeefame (29-40) Yoshaafaax mootii Yihudaa taʼe (41-50) Mootii Israaʼel kan taʼe Akaaziyaa (51-53)