Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Qabiyyee Hoseʼaa HOSEʼAA QABIYYEE KITAABICHAA 1 Haadha manaa Hoseʼaa fi ijoollee ishii (1-9) Yezriʼel (4), Lo Ruhaamaa (6) fi Lo Aamii (9) Abdii akka deebiʼanii fi tokko akka taʼan kenname (10, 11) 2 Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane ni adabamte (1-13) Yihowaa isa abbaa manaa ishii taʼetti ni deebiti (14-23) “Abbaa manaa koo jettee na waamta” (16) 3 Hoseʼaan haadha manaa isaa ishii ejjituu deebisee bitate (1-3) Israaʼel gara Yihowaatti ni deebiʼa (4, 5) 4 Falmii seeraa Yihowaan Israaʼelii wajjin qabu (1-8) Biyyattii keessa beekumsi Waaqaa hin jiru (1) Israaʼel waaqolii tolfamoo ni waaqeffatte, halalummaas ni raawwatte (9-19) Hafuurri sagaagalummaa karaa irraa nama jalʼisa (12) 5 Murtii Efreemii fi Yihudaa irratti dabarfame (1-15) 6 Waamicha Yihowaatti akka deebiʼan dhihaate (1-3) Sabichi jaalala amanamaa argisiisuu dhiise (4-6) Jaalalli amanamaan aarsaa irra ni caala (6) Amala qaanessaa sabichi qabu (7-11) 7 Hamminni Efreem ni ibsame (1-16) Saaphana Waaqaa jalaa miliquun hin dandaʼamu (12) 8 Miidhaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuun geessisu (1-14) Bubbee facaasuu, obomboleettii haammachuu (7) “Israaʼel Uumaa isaa irraanfateera” (14) 9 Cubbuun Efreem Waaqa biratti akka jibbamu isa godhe (1-17) Waaqa qaanessaa taʼeef of murteessuu (10) 10 Israaʼel inni muka wayinii mancaʼe taʼe ni balleeffama (1-15) Facaasuu fi haamuu (12, 13) 11 Jaalala Waaqni xinnummaa isaatii kaasee Israaʼeliif qabu (1-12) “Ilma koo Gibxii keessaa nan waame” (1) 12 Efreem gara Yihowaatti deebiʼuu qaba (1-14) Yaaqoob Waaqaa wajjin waldhaansoo qabe (3) Yaaqoob eebba Waaqaa argachuuf booʼee kadhate (4) 13 Efreem inni waaqolii tolfamoo waaqeffatu Yihowaa irraanfate (1-16) “Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?” (14) 14 Kadhannaa gara Yihowaatti deebiʼuuf dhihaate (1-3) Jajannaa afaanii dhiheessuu (2) Israaʼel waan fayyifameef amanamummaa isaa hin dhiisu (4-9)