Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Qabiyyee Miilkiyaas MIILKIYAAS QABIYYEE KITAABICHAA 1 Jaalala Yihowaan saba isaatiif qabu (1-5) Luboonni aarsaawwan gad aanoo dhiheessan (6-14) Maqaan Waaqaa saboota gidduutti guddaa taʼa (11) 2 Luboonni sabicha barsiisuu dhiisan (1-9) Lubichi afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba (7) Jalʼinaan hiriyaa gaaʼelaa waan hiikaniif yakkamtoota taʼan (10-17) “Ani wal hiikuu nan jibba” jedha Yihowaan (16) 3 Gooftaa dhugaan mana qulqullummaa isaa qulqulleessuuf ni dhufa (1-5) Ergamaa kakuu sanaa (1) Gara Yihowaatti akka deebiʼan jajjabeessuu (6-12) Yihowaan hin jijjiiramu (6) “Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa” (7) ‘Kurnoo guutummaatti fidaa, Yihowaanis eebba isin irratti roobsa’ (10) Nama qajeelaa fi nama hamaa (13-18) Kitaabni yaadannoo Waaqa duratti barreeffame (16) Garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa gidduu jiru (18) 4 Guyyaa Yihowaa dura Eeliyaas ni dhufa (1-6) “Aduun qajeelummaa ni baati” (2)