GAAFFII 6
Macaafni Qulqulluun waaʼee Masiihichaa raajii akkamii dubbateera?
RAAJII
“Yaa mandara Betlihem-Efraataa, . . . Israaʼelin kan moʼu tokko si keessaa anaaf in baʼa.”
RAAWWIISAA
“Bara mooticha Herodisitti, Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate, kunoo, namoonni ogeeyyiin urjii lakkaaʼan tokko baʼa-biiftuutii gara Yerusaalem dhufan.”
RAAJII
“Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis muka in buufatan.”
RAAWWIISAA
“Yesusin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, . . . iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dhaʼaa tokkichaan baʼe malee, hodhaa hin qabu ture. Kanaafis, ‘Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, muka itti buufannee abbaa inni baʼuuf ilaalla!’ waliin jedhan.”
RAAJII
“Lafee dhagna isaa hundumaa inni in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu.”
RAAWWIISAA
“Gara Yesus dhufanii, kanaan dura duʼuu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine.”
RAAJII
“Inni . . . balleessaa keenyaaf in waraaname.”
RAAWWIISAA
“Warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraannaan, yommusuma dhiignii fi bishaan keessaa lolaʼe.”
RAAJII
“Isaan miindaa koo meetii guroo soddoma anaaf in kennan.”
RAAWWIISAA
“Yommus warra kudha lamaan keessaa tokko, Yihudaa nama biyya Keriyot inni jedhamu, gara luboota warra angafootaa dhaqee, ‘Isa dabarsee yoon isinitti kenne, maal anaaf laattu?’ ittiin jedhe; isaan immoo meetii soddoma muraniif.”