LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 1/13 ful. 12-13
  • Kaameruuniin Daawwachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaameruuniin Daawwachuu
  • Dammaqaa!—2013
Dammaqaa!—2013
g 1/13 ful. 12-13

BIYYOOTAAFI UUMMATA

Kaameruuniin Daawwachuu

NAMOONNI Baakaa ykn Piigmii jedhamuudhaan beekaman, jiraattota Kaameruun warra jalqabaa taʼuu hin oolan. Bara 1500 boodammoo warri Poortugaal achi dhaqan. Jaarraawwan hedduu boodas Musliimonni Fulaanii jedhaman kaaba Kaameruun weeraran. Yeroo harʼaatti namoonni Kaameruun dhibbeentaa 40ni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatu; dhibbeentaa 20ni Musiliimotadha; dhibbeentaa 40ni hafanimmoo amantiiwwan Afriikaa aadaarratti hundaaʼan hordofu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, afaan Baasa jedhamuufi Kaameruun keessatti dubbatamuun barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan qopheessaniiru

Kaameruun keessatti keessumaa namoonni baadiyyaa, keessummoota simachuudhaan beekamu. Namoonni kun hoʼisanii keessummoota erga nagaa gaafatanii booda, manasaaniitti simatanii bishaaniifi nyaata dhiheessuuf. Namni tokko afeerrii isaaf dhihaate fudhachuu diduunsaa akka isaan tuffate kan argisiisu siʼa taʼu, afeerrii kana fudhachuunsaammoo akka isaan kabaju argisiisa.

Haasaan kan jalqabamu, nageenya miseensota maatii gaafachuudhaanidha. Fayyaa beeladootaa gaafachuunis baramaadha! Lammii Kaameruun kan taʼe Joseef akkas jedheera: “Keessummaan tokko manasaaniitii ennaa baʼu, ‘Nagaatti’ isaan jechuun qofti gaʼaa miti. Yeroo baayʼee namni isa simate sun isa taphachiisaa karaa muraasa isaa wajjin deema. Achiis ‘Nagaatti!’ isaan jedhee gara manasaatti deebiʼa. Keessummaan wanti kun isaaf hin godhamne, akka hin jaallatamne itti dhagaʼamuu dandaʼa.”

Laga Saanaagaarratti bidiruuwwan mukarraa hojjetaman baayʼinaan mulʼatu. Sharaan bidiruuwwan kanaa waanuma argamerraa hojjetama

Yeroo tokko tokko hiriyoonni baayʼeen, darbee darbee harkaan tirii tokkorratti nyaata waliin nyaatu. Kaameruunitti aadaan kun mallattoo guddaa tokkummaa argisiisudha. Aadaan kun, hiriyoota sababii addaddaatiin walirraa citan walitti fiduufis ni gargaara. Waliin taʼanii nyaata nyaachuun, ‘Amma nu gidduutti nagaan buʼeera’ akka jechuutti ilaalama.

Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana maxxansan Kaameruun keessatti gumiiwwan 300 ol taʼaniin kan gurmaaʼan siʼa taʼu, biyyattii keessattis namoota 65,000 taʼan Macaafa Qulqulluu barsiisu

IBSA GABAABAA

Piigmiiwwan gaʼeessota taʼan hedduun, dheerinnisaanii meetira 1.20 hanga meetira 1.42 taʼa

  • Uummata: Tilmaamaan miliyoona 20

  • Magaalaa guddoo: Yaawundee

  • Haala qilleensaa: Naannoo kaabaatti hoʼaafi goggogaa, naannoo qarqara galaanaattimmoo jiidhaa

  • Meeshaawwan biyya alaatti ergaman: Bobaʼaa, kookowaa, buna, jirbii, mukaafi alumiiniyamii

  • Afaanota dubbataman: Ingiliffaafi afaan Faransaay, akkasumas afaanotaafi loqodawwan Afriikaa 270 taʼan garabiraa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi