QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?
Akkaataa Allaattiin Wandariingi Albaatroos Humna Qusachuudhaan Itti Balali’u
ALLAATTIIWWAN yeroo lafarraa ol fagaatan humna xiqqoodhaan qilleensarra turuu danda’u. Allaattiin wandariingi albaatroos kanaaf fakkeenya guddaa ta’a. Qoochoonsaa lamaan meetira 3.4 kan dheeratuufi ulfaatinnisaa gara kiilogiraama 8.5 si’a ta’u, humna baay’ee xinnoodhaan kiilomeetira kumaan lakkaa’amu balali’uu danda’a! Kanaaf kan isa gargaaru akkaataa qaamnisaa itti hojjetameefi tooftaa balali’uuf itti fayyadamudha.
Mee yaadi: Albaatroos ennaa balali’u, qoochoosaa akka diriirsetti tursuuf ribuu qaamasaatti fayyadama; kunimmoo maashaaleensaa akka boqotan godha. Malli allaattiin kun sa’aatii hedduuf qilleensarra turuuf itti fayyadamu garabiraan qilleensa garbarraa ka’utti fayyadamuudha.
Albaatroos ennaa galaanarra balali’u utuu walirraa hin kutin qilleensa keessa ol ba’ee gad deebi’a; kunis humna ol ba’uudhaan balleesse caalaa humna dabalataa isaaf argamsiisa. Saayintistoonni allaattiin kun akkas gochuu kan danda’u akkamitti akka ta’e kan hubatan dhiheenyattidha. Kaameeraa ammayyaafi sooftweerii kompiitaraa adda ta’e fayyadamuudhaan allaattiin kun humna dabalataa kan argatu kallattii qilleensaa duukaa erga ol ba’ee booda yommuu gadi deebi’utti akka ta’e baraniiru. Saayintiistonni, “Akkaataan allaattiin kun humna balali’uuf isa gargaaru itti argatu salphaafi kan walirraa hin cinnedha” jedhaniiru. Faayidaan kanaa maalidha? Allaattiin kun qoochoosaa utuu hin sochoosin sa’aatii hedduuf balali’uuf isa gargaara!
Hubannaan argame kun, injinaroonni diizaayinii wantoota boba’aa xinnoodhaan ykn mootora malee samii keessa balali’an hojjechuuf isaan gargaara ta’a.
Maal sitti fakkaata? Akkaataan allaattiin albaatroos jedhamu humna qusachuudhaan itti balali’uufi akkaataan qaamnisaa itti ijaarame, jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?