LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 1/14 ful. 16
  • Dandeettii Odeeffannoo Qabachuu DNA

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Odeeffannoo Qabachuu DNA
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qajeelfamoonni Kun Eessaa Dhufan?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
Dammaqaa!—2014
g 1/14 ful. 16

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Odeeffannoo Qabachuu DNA

NAMOONNI kompiitaratti fayyadaman odeeffannoo dijitaalaa hedduu maddisiisu; odeeffannoowwan kun yeroo barbaadamu itti fayyadamuun akka dandaʼamuuf kaaʼamuu qabu. Saayintistoonni, DNA lubbu qabeeyyii keessatti argamuufi meeshaa odeeffannoo kaaʼuuf fayyadu kamirrayyuu caalaa odeeffannoo baayʼee of keessatti qabachuu dandaʼu fakkeessuudhaan, meeshaalee odeeffannoo kuusuuf fayyadaniifi amma jiranirra caalan hojjechuuf yaalaa jiru.

Mee yaadi: DNAn seelota lubbuu qaban keessa jiru, odeeffannoo biliyoonaan lakkaaʼamu qabateera. Niik Gooldmaan inni Yuroopiyaan Baayooʼinformaatiksi Inistiituutii keessaa hojjetu akkas jedheera: ‘DNA lafee gosa arbaa bara durii tokkoo fudhachuudhaan kana mirkaneessuun ni dandaʼama. DNAn kun baayʼee xinnoofi odeeffannoo hedduu qabachuu kan dandaʼu, kuusuuf humna kan hin barbaanne, odeeffannoo qabatee turuu kan dandaʼuufi bakka biraatti fuudhanii deemuuf salphaa kan taʼedha.’ DNAn odeeffannoo namtolchee of keessatti qabachuu ni dandaʼaa? Qorattoonni akka dandaʼamu dubbatu.

Saayintiistonni odeeffannoo kan akka barreefamaa, fakkiifi sagalee meeshaan dijitaalaa tokko qabachuu dandaʼu DNArratti galmeessaniiru. Odeeffannoo kaaʼanis guutummaatti deebisanii argachuu dandaʼaniiru. Saayintistoonni yeroo booda mala kanatti fayyadamuudhaan, odeeffannoo CDn 3,000,000 qabatu, DNA namtolchee giraama tokkorratti galmeessuuniifi waggoota dhibaan ykn kumaan lakkaaʼamaniif tursuun akka dandaʼamu ni amanu. Malli kun odeeffannoo dijitaalaa addunyaarra jiru hunda bakka tokkotti kuusuuf akka dandeessisu yaadama. Kanaan kan kaʼes DNAdhaaf maqaan, “Meeshaa kuusaa wanta ittiin qixxaatu hin qabne” jedhu kennameera.

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin odeeffannoo qabachuu DNA, jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi