LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 7/14 ful. 7
  • 3 Abdii Waan Qabduuf

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3 Abdii Waan Qabduuf
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?
    Dammaqaa!—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2014
g 7/14 ful. 7
Nama abdii Waaqayyo kennerratti amantii cimaa qabu

MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHAA?

3 Abdii Waan Qabduuf

“Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [‘in dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—FAARFANNAA 37:11.

Macaafni Qulqulluun, ‘rakkinni namootaa baayʼee akka taʼe’ dubbata. (Iyoob 14:1) Yeroo harʼaa haalli gaddisiisaan addaddaa namoota hundarra ni gaʼa. Namoonni tokko tokko garuu, gara fuulduraatiif abdii akka hin qabne waan itti dhagaʼamuuf, jireenyasaaniitti garmalee abdii kutataniiru. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Akkas yoo taʼe, Macaafni Qulqulluun siif qofa utuu hin taʼin namoota hundaaf abdii amanamaa taʼe akka kennu mirkanaaʼaa taʼi. Fakkeenyaaf:

  • Macaafni Qulqulluun Waaqayyo wanta baayʼee gaarii taʼe nuu yaadee akka ture dubbata.—Uumama 1:28.

  • Waaqni keenya Yihowaan lafa kana janata gochuuf waadaa galeera.—Isaayaas 65:21-25.

  • Abdiin kun akka raawwatamu hin shakkisiisu. Mulʼanni 21:3, 4 akkas jedha:

    “Iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta’uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”

Abdiin kun abjuu miti. Yihowaan abdii kana akka raawwatu beekamaadha; kana gochuufis humnas taʼe fedhii qaba. Abdiin Macaafa Qulqulluu keessa jiru amanamaa siʼa taʼu, gaaffii “Maaliifan jiraadha?” jedhuufis deebii quubsaa ni kenna.

KANA YAADADHU: Miirrikee akka doonii dambalii galaanaatiin asiifi achi jedhuu kan jijijjiiramu taʼus, abdiin Macaafni Qulqulluun kennu akka qofoo sibiilaatti jabeessee si dhaabuu dandaʼa.

WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Abdii gara fuulduraa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu qorachuu jalqabi. Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii guddaa qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argaman haasofsiisuu ykn Weeb saayitii isaanii jw.orga jedhamurraa odeeffannoo argachuu ni dandeessa.

a Yaada: Weebsaayitii jw.org baniitii mataduree WANTOOTA QOPHAAʼAN jedhuu jalaa LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA kan jedhu ilaali. Gargaarsa dabalataa argachuuf achi jalaa jechoota kan akka “dhiphina” ykn “of ajjeesuu” jedhan ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi