LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/14 ful. 16
  • Niiwuroonii Awaannisni Sochiisaa Ittiin Toʼatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Niiwuroonii Awaannisni Sochiisaa Ittiin Toʼatu
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Hayyuun Paatoloojii Sammuu Waaʼee Amantii Isaa Ibse
    Dammaqaa!—2017
Dammaqaa!—2014
g 10/14 ful. 16
Hawaannisa gurmuudhaan godaanaa jiru

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Niiwuroonii Awaannisni Sochiisaa Ittiin Toʼatu

AWAANNISNI gurmuudhaan, jechuunis gara “miliyoona 80 taʼuudhaan balʼina iskuweer kiilomeetira tokko uffisanii” godaanu. Haataʼu malee tokkoonsaaniillee wal hin rukutan. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?

Mee yaadi: Ija kompaawundii awaannisni qabu lamaan boodaan niiwuroonii sochiisaa toʼachuuf isa gargaaruufi loobuulaa jiyaanti muuvmanti ditteektar jedhamutu argama. Yeroo wal rukutuuf jedhan, niiwurooniin kun koochoofi miilla awaannisichaatti ergaa kan ergu siʼa taʼu, yeroo kanatti awaannisichi dafee tarkaanfii fudhata. Saffisni awaannisini kun tarkaanfii itti fudhatu, saffisa liphsuu ijaa harka shan kan caaludha.

Saayintistoonni ijaafi niiwuroonii awaannisaarraa ilaaluudhaan, raadaarii baayʼee xaxaa taʼe ykn ifa adda taʼeefi waa sakattaʼuuf gargaaru utuu hin fayyadamin, roobootii kompiitaraan geggeeffamee sochii wantootaa toʼachuufi akka isaan itti hin dhihaanne gochuu dandaʼu hojjetaniiru. Qorattoonni, teknoolojii kanatti fayyadamuudhaan konkolaataa saffisa guddaa qabuufi meeshaa konkolaataan akka walitti hin buuneef akeekkachiisa kennu hojjetaniiru. Yunivarsiitii Yuunaayitid Kingidam, magaalaa Liinkoonitti Piroofeesara kan taʼan Shiigaangi Yooyi, “Ilbiisa xinnoo akka awaannisaarraa barumsa guddaa arganna” jedhaniiru.

Maal sitti fakkaata? Niiwurooniin awaannisni sochiisaa ittiin toʼatu jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi