LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 5 ful. 10-11
  • Elamantii Dinqisiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Elamantii Dinqisiisaa
  • Dammaqaa!—2016
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 5 ful. 10-11

Elamantii Dinqisiisaa

Atoomota kaarboonii

Kitaabni Nature’s Building Blocks jedhamu, “Elamantiin kaarboonii caalaa jireenyaaf barbaachisaa taʼe hin jiru” jedheera. Amalli addaa kaarbooniin qabu ofii isaatii wajjinis taʼe keemikaalota kan biraa hedduu wajjin wal qabachuuf (bond) isa dandeessisa; kanaan kaʼes isa amma yoonaatti bira gaʼame malees kompaawundoota miliyoonaan lakkaaʼaman uumuu dandaʼa.

Kana malees, fakkeenyonni armaan gadii akka argisiisanitti atoomonni kaarboonii wal qabatanii boca garaa garaa kan akka boca funcaa, piiraamidii, qubeelaa, waraqaa fi ujummoo uumu. Dhuguma iyyuu kaarbooniin elamantii dinqisiisaa dha!

DIYAAMANDII

Diyaamandii

Atoomonni kaarboonii piiraamidii teetiraaheedironsi jedhamu kan argamsiisan siʼa taʼu, kunis baayʼee jabaa akka taʼu isa godha; kanaan kan kaʼes diyaamandiin wantoota uumamaan argaman hunda caalaa jabaa dha. Diyaamandiin baayʼee gaarii jedhamu, molikiyulii atoomota kaarboonii tokko irraa kan uumame dha.

GIRAAFAAYITII

Irsaasii

Atoomonni ciminaan walitti maxxanan toora toraan kan wal irra namʼan siʼa taʼu, toorri kun akkaataan itti wal qabatu cimaa waan hin taaneef, akka waraqaa tuulamee jiruu wal irraa kukkufuu dandaʼa. Amala isaa kanaan kan kaʼes, giraafaayitiin dibata sibiilaa fi irsaasii oomishuuf tajaajila.a

GIRAAFIINII

Sarara irsaasiidhaan barreeffame

Atoomota kaarboonii akka saaphana roga jaʼa qabuutti wal qabatani dha. Jabinni giraafinii kan sibiilaa irra harka hedduu caala. Barreeffamni irsaasii giraafiinii muraasa toora tokkoon ykn toora hedduudhaan wal irra namʼan qabaachuu dandaʼa.

FUULARIINOTA

Fuulariinota

Moolikiiwulonni kaarboonii keessi isaanii duwwaa taʼe kun boca garaa garaa kan akka kubbaa maaykiroskoppiidhaan mulʼatuu fi ujummoo naanootiyuub jedhamuu uumu. Kan isaan safaraman naanoo meetiriidhaan, jechuunis meetira tokko biliyoona tokkoffaadhaani dha.

ORGAANIZMOOTA LUBBU QABEEYYII

Seelota kaarboonii qaban

Seelonni hedduun biqiltoota, bineensotaa fi namoota keessa jiran kaarboonii irratti kan ijaaramani dha; kaarbooniin kun kaarbohaaydireetota, coomaa fi aminoo asiidota keessatti argama.

‘Amalawwan Waaqayyoo warra ijaan hin argamne, wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.’—Roomaa 1:20.

a Mata duree Dammaqaa! Adoolessa 2007 (Amaariffa) irratti baʼee fi “Namni Irsaasii Qabu Jiraa?” jedhu ilaali.

Urjii

Kaarbooniin Qindoomina Baayʼee Xixinnoo Urjiilee Keessatti Uumamu Irraa Argama

Kaarbooniin nukilasiin hiliyamii sadii yeroo walitti makamu kan uumamu siʼa taʼu, saayintistoonni wanti kun urjiilee reed jaayaantis jedhaman keessatti akka uumamu amanu. Hiiliyamiin sun akka walitti makamuuf garuu haalawwan barbaachisan guutummaatti sirrii taʼuu qabu. Hayyuun Fiiziksii Pool Deevis jedhaman, “Yoomessa [seera uumamaa] isaa keessaa wanti muraasni illee xinnuma utuu jijjiiramee, hawaan, lubbu qabeeyyii fi namoonni jiraachuu hin dandaʼan” jedhaniiru. Qindoominni kun eessaa dhufe? Namoonni tokko tokko akka tasaa dhufe jedhu. Kaan immoo Uumaan ogummaa qabu jiraachuu isaa kan argisiisu dha jedhu. Yaada isa kamtu caalaatti amansiisaa sitti fakkaata?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi