LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 2 ful. 12-13
  • Ispeeniin haa Daawwannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ispeeniin haa Daawwannu
  • Dammaqaa!—2017
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 2 ful. 12-13
Tooleedoon, magaalaa beekamtuu Ispeen tuuristootaan daawwatamtu dha

Ispeen keessatti Tooleedoon bakka seena qabeettii fi aadaa nama hawwatu qabdu dha. Bara 1986⁠tti bakka Hambaalee Addunyaa keessaa tokko taatee galmaaʼuu ishii irra iyyuu bakka daawwattoota hawwattu taateetti

BIYYOOTAA FI UUMMATA

ISPEENIIN haa Daawwannu

Ispeen kaartaa irratti

ISPEEN biyya teessuma lafaa fi uummata aadaa garaa garaa hedduu qabaniin beekamti. Lafti Ispeen garri caalaan isaa qamadii, biqiltuu waynii fi mukeetii ejersaatiin kan uwwifame dha. Karaa kibbaatiin, bishaan gara kiiloo meetira 14 dheeratu qofatu Ispeenii fi ardii Afriikaa gargar baasa.

Warra Fiinqee, warra Giriikii fi warra Kaarteej dabalatee saboonni hedduun gara biyya fiixee kibba dhihaa Awurooppaa jirtu kanatti godaananii jiraatu. Warri Roomaa Dh.K.D. jaarraa sadaffaatti gara biyyattii dhufanii biyya haaraa injifatanii qabatan kana Hispaaniyaa jedhanii moggaasan. Biyyattiin yeroo booda warra Viisgootii fi Muuroota jedhamaniin kan qabamte siʼa taʼu, isaanis hambaa aadaa isaanii dhiisanii deemaniiru.

Bara 2015⁠tti, namoonni miliyoona 68 ol taʼan Ispeeniin daawwataniiru. Namoonni hedduun bakka kana kan dhufan, hoʼina aduu ishii, qarqara galaanaa ishii isa warqii fakkaatu, ogummaa adda addaa biyyattii, seenaa ishii fi qabeenya ogummaa ijaarsaa ishii adda addaa ilaaluuf ture. Akkasumas nyaanni Ispeen qalbii daawwattoota hedduu kan hawwatu dha. Nyaatawwan adda addaa biyyattii keessatti beekaman, nyaata lubbu qabeeyyii galaana keessa jiranii fi kan akka qurxummii irraa qophaaʼan, foon booyyee gogfame, ittoo adda addaa, salaaxaa, kuduraa zayitii ejersaatiin bilcheeffame ykn miʼeeffame kan dabalatani dha. Kana malees maxinoo hanqaaquu irraa tolfame, akkasumas nyaatawwan paaʼeelaa fi taappaas jedhaman addunyaa maratti baayʼee jaallatamu.

Mariiskaadaan nyaata jaallatamaa lubbu qabeeyyii galaana keessatti argaman irraa qopheeffamu dha

Mariiskaadaan nyaata jaallatamaa lubbu qabeeyyii galaanaa keessatti argaman irraa qopheeffamu dha

Dubartoota Ispeen sirba filaameenkoo sirban lama

Sirba filaameenkoo

Uummanni Ispeen kan nama jaallatanii fi kan namatti dhihaatani dha. Harki caalaan isaanii amantii Kaatolikii Roomaa akka hordofan kan dubbatan siʼa taʼu, sirna amantii “Maas” jedhamu irratti kan argaman garuu muraasa dha. Waggoota dhihoodhaa asitti immoo, namoonni ardiilee Afriikaa, Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaa irraa gara Ispeenitti godaananiiru. Isaan keessaas hedduun isaanii waaʼee amantaa fi aadaa isaanii namoota kaanii wajjin dubbachuun isaan gammachiisa. Dhugaa Baatonni Yihowaas maree buʼa qabeessa taʼe taasisuudhaan, dhimmoota adda addaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu isaan hubachiisu dandaʼaniiru.

Bara 2015⁠tti Dhuga Baatonni Yihowaa 10,500 ol taʼan, bakka waaqeffanna isaanii Galma Mootummaa jedhamee waamamu 70 ijaaruu ykn haaromsuuf fedhiidhaan of dhiʼeessanii turan. Bulchiinsi magaalattis lafa ijaarsawwan akkasiitiif taʼu muraasa kenneera. Dhugaa Baatonni Yihowaa godaantota gargaaruuf jecha, Afaan Ispeen dabalatee afaan 30 oliin walgaʼii geggeessaa jiru. Bara 2016⁠tti namoonni 186,000 ol taʼan walgaʼii addaa Dhugaa Baatonni Yihowaa duʼa Yesuus Kiristoos yaadachuuf qopheessan irratti argamaniiru.

KANA BEEKTAA?

Addunyaa irratti zayitii ejersaa oomishuudhaan biyyi Ispeeniin qixxaatu hin jiru.

Taataan tulluu isa dheeraa meetira 3,198 dheeratuu fi Odoolawwan Kaanarii keessaa isa hunda caalu dha. Hundee isaa jalaa yommuu ol safaramu dheerina isaatiin addunyaa irraa burkaana (volcaano) sadaffaa dha.

  • AFAANOTA BALʼINAAN DUBBATAMAN: AFAAN ISPEEN, BAASKUU, KAATAALAAN, GAALIISHIYAA FI VAALEENSHIYAA

  • BAAYʼINA UUMMATAA: 46,439,000

  • MAGAALAA GUDDOO: MAADRIID

  • HAALA QILLEENSAA: BONA KAN HOʼU SIʼA TAʼU GANNA IMMOO BAAYʼEE QORRA

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi