LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 5 ful. 14-15
  • Kaazaakistaaniin haa Daawwannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaazaakistaaniin haa Daawwannu
  • Dammaqaa!—2017
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 5 ful. 14-15
Astaanaa, Kaazaakistaan

Magaalaa Astaanaa

BIYYOOTAA FI UUMMATA | KAAZAAKISTAAN

Kaazaakistaaniin haa Daawwannu

Kaartaa Kaazaakistaan

NAMOONNI Kaazaak aadaa horsiisanii buluutiin beekamu. Hanga harʼaatti iyyuu, horsiisee bultoonni Kaazaak tokko tokko waqtiilee irratti hundaaʼanii horii isaanii iddoo kaloon jiru adda addaatti godaansisu. Yeroo boonaa baddaa qabbanaʼoo kaloo qaban gubbaatti dabarsu. Yeroo ganni caabbii roobu dhihaatutti immoo, horii isaanii gara gammoojjii ooʼa taʼetti geessu.

Namoonni Kaazaak muraasni immoo, magaalota ammayyaa guguddoo keessa jiraatu. Taʼus, wantoonni aadaa baayʼeen, nyaataa fi hojiiwwan aartii jireenya horsiisee bultoota akaakiliiwwan isaanii dabarsan kan mulʼisan dha. Namoonni Kaazaak, walaloowwan, sirbootaa fi muuziqaawwan meeshaalee muuziqaa aadaatiin taphataman hedduu qabu.

Mana aadaa horsisee bultootaa salphaatti iddoo tokko gara biraatti geeffamuu dandaʼuu fi “Yaarti” jedhamu, mallattoo nama uumamaa wajjin wal simee jiraatu argisiisu taʼeera. Tiksitoonni amma iyyuu yaartiin kan filatan siʼa taʼu, Kaazakonni magaalaa keessa jiraataniis yeroo baayʼee qophii addaatiif ittin dhimma baʼu. Kana malees, yaartiin tuuristootaaf mana mijataa taʼe ni tajaajila. Keessi isaa immoo iddoo hodhaa harkaa dubartootaa, uffataa fi afatawwan isaan dhaʼanii tolchan itti argisiifamu taʼanii tajaajilu.

Maatii yaartii keessa jiru

Keessa yaartii

Maatiiwaan Kaazaak baadiyyaa keessa jiraatan fardeen isaaniitiif iddoo guddaa kennu. Warri Kaazaak fardaaf yoo xinnaate jechoota 21 taʼanii fi hiika adda addaa qabanitti fayyadamu; akkasumas halluu kooraa fardeen isaanii ibsuuf jechootaa fi jechamootaa 30 ol taʼantu jira. Kennaan fardaa gaarii taʼe tokkoo, yeroo ammaatti illee kennaa gatii guddaa qabuu fi bakki guddaan kennamuufi dha. Ijoolleen dhiiraa baadiyyaa daaʼimummaa isaaniitii eegalee fardaa gulufu baratu.

Nyaanni aadaa warra Kaazaak yeroo hunda foon qabaachuu kan qabu taʼus, yeroo baayʼee garuu miʼeesituu hedduu hin qabu. Dhugaatii aadaa jaallatamoo warra Kaazaak keessaa koowuumiis, isa aannan fardaa irra hojjetamuu fi fayyaadhaaf faayidaa guddaa akka qabu yaadamu, akkasumas shuubaat, dhugaatii furdaa xiqqoo hadhaaʼuu fi aannan gaala irra hojjetamu ni argamu.

Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Oolmaatii keessummoota kan simatu siʼa taʼu, daawwannaadhaaf banaa dha.

Qeerransa cabbii keessa jiraatu

Qeerransi cabbii Kaazaakistaan yeroo bonaa tulluuwwan irratti dabarsa

KANA BEEKTAA?

Kaazaakistaan keessatti yoo xinnaate abaaboo tuuliipsi jedhaman gosni 36 taʼu kan jiran siʼa taʼan, bocni tuuliip aartii aadaa warra Kaazaak keessatti kaafamuudhaan baayʼee baramaa dha.

Haroon Kazaakiistaan Baalkihaash jedhamu gara bahaatiin soogiddaa kan qabu yeroo taʼu, karaa dhihaatiin garuu soogidda kan hin qabne dha.

Joobiraa fi alaattiiwwan kan biraa leenjii fudhataniin adamsuun baayʼee baramaa dha. Namoonni Kaazaak joobira baayʼee jaallatanii fi bifa warqee qabu leenjisuudhaan caalaatti beekamu.

Joobira mataan isaa haguugamee fi irree nama tokkoo irra qubatee jiru

Haguugaan mataa joobiraa irratti argamu kun allatichi nama akka hin sodaanne isa gargaara

  • AFAANOTA BALʼINAAN DUBBATAMAN: KAAZAAK, AFAAN RUUSIYAA

  • BAAYʼINA UUMMATAA: 17,563,000

  • MAGAALAA GUDDOO: ASTAANAA

  • HAALA QILLEENSAA: BONA GOGAA FI HOʼAA, GANNA IMMOO BAAYʼEE DIILALLAAʼAA FI CABBIIDHAAN KAN GUUTAMU

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi