Seensa
Yeroo baayʼee namoonni kabaja waan hin argisiisneef, nama kabaja argisiisu yeroo argan baayʼee isaan ajaaʼiba.
Fakkeenyaaf, namoonni hedduun waliisaaniitti, warrasaaniitti, maanguddootatti, poolisootatti, hoggantootatti, akkasumas barsiisotatti hagas mara kabaja hin argisiisan. Kana malees, miidiyaalee hawaasaarratti wanta namoota salphisu baasu! Barruun Harvard Business Review jedhamu akka ibsetti, kabaja dhabuun “baayʼee babalʼachaa jira.” Barruun kun itti fufuudhaan “kana ilaalchisee gabaasni dhihaatu akka dabalee fi namoonni amala akkasii argisiisuu erga jalqabanii akka ture” ibseera.