LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 3
  • Dhiiraafi Dubartii Jalqabaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiiraafi Dubartii Jalqabaa
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Kan Dulloomnuu Fi Kan Duunu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Iddoo Jireenyaasaaniitii Kan Baafaman Maaliifi?
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 3

SEENAA 3

Dhiiraafi Dubartii Jalqabaa

FAKKII kanarratti wanta adda ta’e maalii argita? Eeyyee, fakkii kanarratti namoonni ni argamu. Namoonni kun dhiiraafi dubartii jalqabaati. Eenyutu isaan uumee? Waaqayyodha. Maqaansaa eenyu akka ta’e beektaa? Maqaansaa Yihowaa jedhama. Maqaan namichaa Addaam kan dubartittiimmoo, Hewwaan jedhama.

Yihowaan Addaamiin yeroo uume, lafarraa biyyoo fuudhee qaama gonkummaa qabu godhee uume. Itti aansees, funyaansaatti hafuura baafate; Addaamis jiraataa ta’e.

Yihowaan Addaamiif hojii tokko kenneef. Gosa bineensota hundaaf maqaa akka baasu itti hime. Addaam bineensota kanaa wajjin yeroo dheeraa waan jiraateef hundasaaniitiif maqaa gaarii moggaasuu ni danda’a. Addaam bineensota kanaaf yeroo maqaa moggaasutti, waan tokko hubachuu jalqabe. Wanti kun maal akka ta’e beektaa?

Bineensonni hundinuu cimdii cimdii turan. Arba kormaafi dhaltuu, akkasumas leenca kormaafi dhaltuutu jira. Haata’u malee, Addaam dubartii haadha manaa isaaf taatu hin qabu ture. Kanaafuu, Yihowaan Addaam hirriba cimaa akka rafu gochuudhaan, cinaachasaarraa lafee fudhate. Yihowaan, lafee kanaan gargaaramuudhaanis, Addaamiif dubartii uume; isheenis haadha manaasaa taate.

Addaam amma baay’ee utuu hin gammadin hin hafne. Hewwaanis iddoo ashaakiltii gammachiisaa ta’e kana keessa jiraachuu danda’uusheetti baay’ee gammadee ta’uu qaba! Amma ijoollee godhatanii gammachuudhaan jiraachuu danda’u.

Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan bara baraaf akka jiraatan barbaada ture. Guutummaa lafattiis, akka iddoo dhaaba ashaakiltii Eeden ishee bareedduu sanaa akka godhan barbaadee ture. Addaamiifi Hewwaan hojii kana akka hojjetan yeroo itti himametti baay’ee akka gammadan beekamaadha! Atoo lafattii kana iddoo dhaaba ashaakiltii bareedduu gochuurratti utuu hirmaattee ni gammaddaa? Haata’u malee, gammachuun Addaamiifi Hewwaan itti hin fufne. Maaliif akka ta’e mee haa ilaallu.

Faarfannaa 83:18 [NW]; Uumama 1:26-31; 2:7-25.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi