LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ed ful. 2
  • Kaayyoo Birooshura Kanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaayyoo Birooshura Kanaa
  • Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
ed ful. 2

Kaayyoo Birooshura Kanaa

Picture on page 3

FALAASAAN biyya Dach Ispiinoozaan, “Gocha namootaatti kolfuu, gadduu ykn jibbuurraa fagaachuuf carraaqqii gochaa tureera” jechuun barreessaniiru. Atis barsiisaa waan taateef, ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaa dabalatee, ilaalcha, akkaataa guddinaafi amantii bartootakee hubachuun sitti ulfaachuu danda’a. Al tokko tokko barattoonni Dhugaa Baatota ta’an dhimmoota tokko tokkorratti ejjennoo warra kaanirraa adda ta’e qabaachuu danda’u ta’a. Haata’u malee, barataan tokko tarkaanfii akkasii kan fudhatu amantiifi seera amala amantiisaatiin kan ka’e taanaan, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu si barbaachisa. Birooshurri kun Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii (kutaa maxxansaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin) kan maxxanfame si’a ta’u, ejjennoo barattoota Dhugaa Baatota ta’an caalaatti hubachuuf si gargaaruuf kan qophaa’edha. Birooshura kana yeroo ramaddee akka gaariitti dubbista jennee abdanna.

Ilaalchaafi amantii nama kaanii hubachuun amantii nama sanaa fudhachuu ykn hordofuu jechuu miti; akkasumas waa’ee amantii ofii odeeffannoo dabalataa kennuun amantii jijjiirsisuu akka ta’e taasifamee ilaalamuu hin qabu. Birooshurri kun atis taate barattoonnikee ilaalcha amantii Dhugaa Baatota Yihowaa akka fudhattan dhiibbaa gochuuf yaadamee kan qophaa’e miti. Kaayyoon keenya barattootakee keessaa tokko tokko warrasaaniirraa amantiifi seera bu’uuraa akkamii barachaa akka jiran beeksisuu, akkasumas ejjennoo Dhugaa Baatota Yihowaa barattootakee ta’an salphaatti hubachuufi isaanii wajjin walta’iinsaan akka hojjettu gargaaruudha. Dhugaadha, tokkoon tokkoon ijoollee karaa itti dhageettii yaada garaasaanii guddifatan barachaa waan jiraniif, yeroo hundaa wanti barataniifi gochisaanii kan wal hin simne ta’uu danda’a.

Akkuma warra hedduu, Dhugaa Baatonni Yihowaas, ijoolleensaanii barumsa mana barumsaatii argatanirraa faayidaa guddaa akka argatan barbaadu. Kanaafis, ijoolleensaanii barsiisotasaanii wajjin walta’iinsa gaarii akka qabaatan barsiisu. Karaa kaaniinimmoo maatiiwwan Dhugaa Baatotaafi ijoolleensaanii, barsiisonni ejjennoosaanii hubachuudhaan yommuu isaan kabajan ni dinqisiifatu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota addunyaa maratti beekamanidha. Haata’u malee, yeroo tokko tokko namoonni dogoggoraan isaan hubatu. Kanaaf, birooshurri kun ejjennoo ijoollee Dhugaa Baatota barattootakee ta’an akka gaariitti hubachuuf si gargaara jennee abdanna. Caalaattimmoo, ijoolleen Dhugaa Baatota ta’an haalawwan adda ta’an tokko tokkorratti ejjennoo adda ta’e fudhachuuf mirga akka qaban kan dubbatan maaliif akka ta’e ni hubatta jennee abdanna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi