Fuula Xumuraa
MAATIIN dhaabbilee ilmaan namootaa keessaa isa jalqabaa ta’uunsaa beekamaadha; haata’u malee, yeroo ammaatti rakkinarra bu’eera. Dargaggoonni umrii kurnanii keessa jiran qoricha sammuu nama hadoochu fudhataniifi addaggummaa saalaa raawwatan baay’achaa dhufuunsaanii, wal hiikuufi hammeenyi maatii keessatti raawwatamu, maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulan garmalee baay’achaa dhufuunsaaniifi rakkoowwan ulfaataa ta’an kan biraan jiraachuunsaanii, namoonni tokko tokko jireenyi maatii balaa akkasiirraa ooluu danda’uusaa akka shakkan godheera.
Haata’u malee, maatiin bakka tasgabbii qabuufi eegumsa itti argatan karaan itti ta’uu danda’u jiraa? Eeyyee, miseensonni maatii karaa maatiin gammachuu itti argachuu danda’u yoo beekan kun ni danda’ama. Karaan kun iccitii miti. Jaarraawwan hedduudhaaf qoramee kan ilaalamedha. Karaan kun maalidha? Kitaabni Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? jedhamu kun deebii nuu kenna. Kana malees kitaabni kun, seenaawwan dhugumaan raawwatamaniifi karaa rakkoowwan adda addaa maatii keessatti uumaman hiikuun itti danda’amu argisiisan qabateera. Yeroo har’aatti namni gorsi akkasii kun isa hin barbaachisne jiraa?