Brooshuura Kanaan Karaa Dhimma Ba’uu Danda’amu
Brooshuurri kun Macaafa qulqulluu ittiin qayyabachuuf yaadamee kan qophaa’edha. Egaan brooshuura kanaan akkamitti dhimma ba’uu danda’amaa? Sagantaa kanaa gaditti jiruun akka fayyadamtu yaada siif dhiheessina: Jalqaba tokkoon tokkoon barumsichaarratti gaaffiwwan dhihaataniiru. Tokkoon tokkoon gaaffii cinaatti keeyyanni deebiin keessatti argamu hammattuu keessa galee argama. Jalqaba gaaffiwwan hundumaa dubbisiitii deebiwwan gaaffichaarratti yaadi. Itti aansiitii guutummaa keeyyatichaa eega dubbistee booda, caqasawwan Macaafa qulqulluu baasii ilaali. Barumsicha erga dubbistee raawwattee booda gara gaaffiwwaniitti deebi’iitii Macaafni qulqulluun gaaffiwwan kanaaf deebii akkamii akka kenne yaadachuuf yaali. Guutummaa brooshuurichaa dubbiftee eega raawwattee booda duubatti deebi’ii gaaffiwwan hundumaa ilaali.