LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 3 ful. 89-ful. 92 key. 4
  • Jechoota Sirriitti Waamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jechoota Sirriitti Waamuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Eenyu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 3 ful. 89-ful. 92 key. 4

Qayyabannaa 3

Jechoota Sirriitti Waamuu

Maal gochuu qabda?

Jechoota hunda sirriitti waami. Kana gochuun, (1) jechoota yommuu dubbattu sagalee sirriitti fayyadamuufi (2) birsagoota iddoo sirrii taʼetti jabeessanii dubbachuu dabalata.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Jechoota sirriitti waamuun keenya, namoonni ergaa lallabnuuf xiyyeeffannaa akka kennan godha. Kana gochuun keenya dhaggeeffattoonni dogoggora keenyarratti utuu hin taʼin ergicharratti akka xiyyeeffatan godha.

KIRISTIYAANONNI hundi barumsa guddaa qabu jechuun hin dandaʼamu. Phexrosiifi Yohannisillee, ‘barumsa dheeraa akka hin qabne’ ibsameera. (HoE. 4:13) Taʼus jechoota sirriitti utuu hin waamin hafuu keetiin kan kaʼe, dhaggeeffattoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu utuu hin hubatin akka hafan gochuurraa of eeggachuun barbaachisaadha.

Wantoota Tilmaama Keessa Galuu Qaban. Akkaataa jechoonni itti waamaman ilaalchisee seera afaan hundaatiif hojjetu baasuun hin dandaʼamu. Afaanonni hedduun, qubeewwan sagalee bakka buʼaniin barreeffamu. Afaan Laatiinii dabalatee, afaan Arabaa, afaan Sirliik afaan Giriikiifi afaan Ibrootaas qubee mataasaanii qabu. Afaan barreeffamaa Chaayinaa, qubeewwan sagalee tokko qofa bakka buʼaniin utuu hin taʼin, mallattoowwan ergaa garaagaraa dabarsaniin barreeffama. Yeroo baayʼee mallattoowwan kun jecha tokko ykn kutaa jecha tokkoo bakka buʼu. Afaan Jaappaaniifi Kooriyaa mallattoowwan afaan Chaayinaa kanaan kan fayyadaman taʼaniyyuu, sagaleen mallattoowwan kana bakka buʼanis taʼe hiiknisaanii garaagarummaa guddaa qabaachuu dandaʼa.

Afaanota qubeetti fayyadaman keessatti jechoota sirriitti waamuun, qubeen tokko ykn qubeewwan hedduun walitti barreeffamanii jiran sagalee sirrii isaan dabarsanitti fayyadamuu gaafata. Afaanichi, akka afaan Giriikii, Ispaanishiifi Zuuluu seera baʼe kan hordofu yoo taʼe, jechoota sirriitti waamuun rakkisaa hin taʼu. Haataʼu malee afaan garabiraan, afaan jalqabaa jechi sun itti waamamurratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, qubeen tokko ykn qubeewwan tokkoo ol taʼan karaa garaagaraa waamamuu ykn jecha sana keessatti utuu hin waamamin irra darbamuu dandaʼu. Jechoota adda taʼan sammuutti qabaachuufi haasaakee keessatti irra deddeebitee itti fayyadamuun si barbaachisa taʼa. Jechoota afaan Chaayinaa sirriitti waamuun, mallattoowwan kumaan lakkaaʼaman sammuutti qabachuu gaafata. Afaan tokko tokko keessatti sagaleen jechi sun itti waamamu yommuu jijjiiramu hiikni jecha sanas ni jijjiirama. Kanaaf, gama kanaan xiyyeeffannaa gaarii gochuu dhiisuun ergaa dogoggoraa dabarsuu dandeenya.

Jechoonni afaan tokko keessatti argaman birsagootarraa kan ijaaraman yoo taʼe, birsaga jabeeffamee waamamuu qabuuf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Afaanonni akkasii seera dhaabbataa jechoonni jabeeffamanii itti waamaman qabu. Seera kana keessatti haalli adda taʼe yommuu jiraatu, mallattoon jechi sun akkamitti waamamuu akka qabu argisiisu itti dabalamuu dandaʼa. Kunis jecha sana salphaatti waamuuf gargaara. Afaanichi seera dhaabbataa hin qabu taanaan garuu, kana gochuun caalaatti rakkisaa taʼa. Afaan akkasii mallattoowwan hedduu sammuutti qabachuu gaafata.

Jechoota sirriitti waamuu ilaalchisee wantoonni of eeggannoo barbaadan tokko tokko jiru. Akkaataa itti dubbatturratti garmalee kan xiyyeeffattu yoo taʼe, nama garabiraa akkeessaa ykn of jajaa waan jirtu si fakkeessuu dandaʼa. Jechoota akkaataa kanaan dura itti dubbatamaa turaniin waamuunis kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Kunimmoo xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa ofitti harkisuu malee faayidaa hin qabu. Karaa garabiraammoo, akkaataa itti dubbannuufi jechoota itti waamnu ilaalchisee garmalee dantaa dhabuurraa of eeguun barbaachisaadha. Qabxiiwwan kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban tokko tokko qayyabannaa “Jechoota Sirriitti Dubbachuu” jedhu jalatti ibsamaniiru.

Afaan tokko keessatti, akkaataa jechi tokko itti waamamu biyyaa gara biyyaatti, akkasumas biyya tokko keessattillee gargar taʼuu dandaʼa. Namni biyya garabiraadhaa dhufe tokko afaan biyyichaa karaa adda taʼeen dubbachuu dandaʼa. Galmeewwan jechootaa, jechi tokko karaa addaddaa waamamuu akka qabu ibsuu dandaʼu. Keessumaa namni barumsa guddaa hin qabneefi afaan garabiraa dubbachaa jiru tokko, namoota afaanicha akka gaariitti dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi akkaataa isaan jechoota itti waaman hordofuunsaa baayʼee isa gargaaruu dandaʼa. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, namoonni naannoo keenyaa ergaa lallabnuuf bakka guddaa akka kennaniifi karaa salphaatti akka hubatan isaan gargaaruun dubbachuu barbaanna.

Maree namootaa wajjin gooturratti yeroo hedduu jechoota akka gaariitti beektutti fayyadamuunkee gaarii taʼa. Yeroo akkasiitti jechoota sirriitti waamuu dadhabuun rakkoo guddaa hin qabu. Haataʼu malee, yeroo namootaaf dubbistu jechoonni yommuu namootaa wajjin dubbattu itti hin fayyadamne si mudachuu dandaʼu. Dhugaa Baatonni Yihowaammoo carraa itti namootaaf dubbisan hedduu qabu. Yommuu namootaaf dhugaa baanu Macaafa Qulqulluurraa isaanii dubbisna. Obboloonni dhiiraa tokko tokko Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa ykn Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti akka dubbisan ramadamuu dandaʼu. Kanaaf, jechoota karaa namoonni ergaasaarratti akka xiyyeeffatan godhuun waamuun keenya baayʼee barbaachisaadha.

Karaa Itti Fooyyessuu Dandeessu. Namoonni heduun jechoota sirriitti waamuun isaan rakkisu, rakkoo akkasii akka qabanillee hin beekan. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa jechoota sirriitti waamuu ilaalchisee wanti fooyyessuu qabdu akka jiru yoo sitti hime, gorsa inni sii kennu gammachuudhaan fudhadhu. Rakkoonkee maal akka taʼe erga hubattee booda, fooyyaʼiinsa gochuu kan dandeessu akkamitti?

Tokkoffaa, namootaaf akka dubbistu yommuu kutaan sii kennamu, yeroo ramaduudhaan galmee jechootaa ilaali. Jechoota hin beekne baasii ilaali. Galmee jechootaatti fayyadamtee hin beektu taanaan, ibsa seensa galmee jechootaa sanarratti kenname ilaali ykn namni garabiraan akka si gargaaru gaafadhu. Galmeen sun, jechoonni birsaga tokkoofi isaa ol qaban eessatti jabeeffamanii waamamuu akka qaban ibsa sii kennuu dandaʼa. Kunimmoo dubbachiiftuufi dubbifamaan jecha tokko keessatti argamu sagalee akkamii akka dabarsu beekuuf si gargaara. Darbee darbee jechi tokko akkaataa hima keessa itti galetti karaa addaddaa waamamuu dandaʼa. Galmee sana cufuukee dura, jechi sun akkamitti sirriitti waamamuu akka qabu hanga sii galutti sagaleekee ol kaasii irra deddeebiʼii shaakali.

Jechoota sirriitti waamuu ilaalchisee dandeettii qabdu fooyyeffachuuf wanti si gargaaru inni lammaffaan, nama afaanicha akka gaariitti dandaʼuuf dubbisuudhaan iddoo itti dogoggorte akka sitti himu gaafachuudha.

Dandeettii gama kanaan qabdu guddifachuuf wanti si gargaaru inni sadaffaanimmoo, namoota afaanicha akka gaariitti dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudha. Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraa ykn barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! kaasseettiidhaan argachuu kan dandeessu yoo taʼe, akka gaariitti itti fayyadami. Yommuu dhaggeeffattu, jechoota karaa ati beekturraa adda taʼeen waamaman qalbeeffadhu. Jechoota kana barreeffadhuu shaakali. Yeroo booda jechoota sirriitti waamuu akka dandeessu kan si gargaaru taʼuusaarryyuu, haasaakee caalaatti sii fooyyessuu dandaʼa.

DANDEETTII KANA FOOYYEFFACHUU KAN DANDEESSSU AKKAMITTI?

  • Galmee jechootaatti akka gaariitti fayyadami.

  • Namni akka gaariitti dubbisuu dandaʼu si dhaggeeffachuudhaan gorsa akka sii kennu gaafadhu.

  • Namoonni akka gaariitti jechoota waamuu dandaʼan yommuu dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu; atis akkaataa itti jechoota waamtu of gamaaggami.

GILGAALA: Faarfannaa 83 ykn kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa jechoota sirriitti waamuuf si rakkisan walitti qabadhu. Galmee jechootaatti fayyadami ykn nama afaanicha akka gaariitti beeku gaafadhu. Maqaawwan waamuuf si rakkisan bakka duwwaa armaan gadiirratti barreeffadhu; akkasumas birsagoota jabeeffamanii waamamuu qaban qalbeeffachuudhaan maqaawwan hunda sagaleekee ol kaasii waami. Sana booda guutummaa kutichaa sagaleekee ol kaasii dubbisi.

Jechoota armaan gadii sirriitti waamamuuf shaakaluun barbaada

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․ ․․․․․․․․․․․․․․․․․․․․

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi