KUTAA 3
“GARAAN ISAA OGEESSA”
Ogummaa dhugaan, qabeenya guddaa barbaaduu qabdu keessaa isa tokko dha. Maddi ogummaa kanaa Yihowaa qofa dha. Kutaa kan keessatti ogummaa Yihowaa isa daangaa hin qabne gadi fageenyaan qoranna. Iyyoob inni nama amanamaa taʼe Yihowaan “garaan isaa ogeessa” jedheera.—Iyyoob 9:4.