BOQONNAA 19
Wal Loluun Sirriidhaa?
IJOOLLEE namarratti abbaa humnaa taʼuu barbaadan beektaa?— Ijoollee akkasii wajjin taʼuun si gammachiisaa? Moo nama garraamiifi nagaa jaallatuu wajjin taʼuu barbaadda?— Barsiisaa Guddichi, “Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu” jedheera.—Maatewos 5:9.
Haataʼu malee namoonni tokko tokko wanta nu aarsu gochuu dandaʼu. Kun dhugaa mitii?— Kanaaf, yeroo akkasiitti nuyis haaloo baʼuu barbaanna taʼa. Yeroo tokko duuka buutonni Yesus, isaa wajjin gara Yerusaalem utuu adeemaa jiranii wanti akkasii isaan mudatee ture. Mee seenaa kanan sitti hima.
Hamma taʼe erga adeemanii booda, Yesus duuka buutonnisaa muraasni gara mandara Samaariyaatti dursanii adeemuudhaan bakka buufatan akka isaanii qopheessan isaan erge. Haataʼu malee namoonni Samaariyaa amantii garabiraa waan hordofaniif, Yesusiifi bartoonnisaa achi akka buufatan hin barbaanne. Namoonni Samaariyaa, nama waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem dhaqu kamiyyuu hin jaallatan turan.
Yaaqoobiifi Yohannis warra Samaariyaarratti haaloo baʼuuf maal gochuu barbaadanii turan?
Atoo utuu wanti akkasii si mudatee maal goota turte? Aartee haaloo baʼuu ni barbaadda turtee?— Bartoota Yesus kan taʼan Yaaqoobiifi Yohannis akkas gochuu barbaadanii turan. Yesusiin, “Ibiddi waaqa irraa buʼee isaan haa fixu, jennee akka jarreen kanatti waamnu in barbaaddaa?” jedhaniin. Yesusis Yaaqoobiifi Yohannisiin Ilmaan Qaqawwee kan isaaniin jedhe kanaafidha! Yesus garuu haaloo baʼuun sirrii akka hin taane isaanitti himeera.—Luqaas 9:51-56; Maarqos 3:17.
Yeroo tokko tokko namoonni wanta hamaa nurratti raawwachuu dandaʼu. Ijoolleen tokko tokko isaanii wajjin akka taphannu hin barbaadan taʼa. Tariimmoo, “Deemi asii!” jedhanii nu ariʼu taʼa. Wanti akkasii yoo nurratti raawwatame nu aarsa mitii? Tarii yeroo kanatti haaloo baʼuu akka qabnu nutti dhagaʼama taʼa. Garuu akkas gochuu qabnaa?—
Mee Macaafa Qulqulluukee baafadhu. Fakkeenya boqonnaa 24, lakkoofsa 29 haa ilaallu. Caqasichi, “Ati, ‘Waanuma namni ana hojjeteen isa hojjedha, gatii hojii isaatiis isaaf nan deebisa’ hin jedhin!” jedha.
Caqasni kun ergaa akkamii qaba jettee yaadda?— Haaloo baʼuuf yaalii gochuu akka hin qabne ibsa. Namni tokko wanta hamaa waan nurratti raawwateef, nuyis wanta hamaa isarratti raawwachuu hin qabnu. Haataʼu malee namni tokko yoo dubbiikee barbaade maal goota? Tarii maqaa kan biraa sii kennuudhaan si aarsuuf yaalii godha taʼa. Sitti kolfuufi sodaattuu siin jechuu dandaʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Nama kanaa wajjin wal loltaa?—
Mee ammas wanta Macaafni Qulqulluun jedhu haa ilaallu. Maatewos boqonnaa 5, lakkoofsa 39 baasi. Achirratti Yesus, “Isa hamaadhaan hin morkatinaa! Namni maddii kee isa mirgaa yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi!” jedheera. Wanti Yesus asirratti dubbate hiika akkamii kan qabu sitti fakkaata? Namni tokko abootteedhaan maddiikee isa tokko yoo rukute, maddiikee isa kaanis itti qabi jechuusaatii?—
Yesus akkas jechuusaa hin turre. Kaballaadhaan nama rukutuufi nama abootuun garaa garummaa qaba. Kaballaan, nama darbachuu wajjin wal fakkaata. Namni tokko lolli akka kaʼu gochuuf kaballaadhaan nu rukuta taʼa. Namni kun nu aarsuu barbaada. Nuyis aarree yoo isa darbanne maaltu uumama?— Tarii lolli kaʼuu dandaʼa.
Taʼus Yesus duuka buutonnisaa namootaa wajjin akka wal lolan hin barbaadu. Kanaan kan kaʼes namni tokko yoo nu kabale, nuyis deebsnee isa kabaluu akka hin qabne dubbateera. Kanaaf, aarree namootaa wajjin wal loluu hin qabnu jechuudha. Kana yoo goone, namicha lola barbaadu sanarra hin wayyinu jechuudha.
Lolli yoo kaʼehoo, maal gochuu keenyatu gaariidha jettee yaadda?— Naannoo sanaa adeemuutu gaariidha. Namni tokko al tokko ykn al lama si daddarbachuu dandaʼa. Haataʼu malee, yoo deebistee isa darbachuu baatte lolli sun dhaabachuu dandaʼa. Naannoo sanaa adeemuunkee dadhabaa taʼuukee kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, wanta sirrii taʼe gochuuf cimaa taʼuukee argisiisa.
Namni tokko nu loluu yoo barbaade maal gochuu qabna?
Haataʼu malee, ijoollee wajjin wal loltee yoo isaan mootehoo? Sana booda maaltu taʼuu dandaʼa?— Namni ati rukutte sun hiriyootasaa sassaabbatee deebiʼee dhufuu dandaʼa. Tarii isaanimmoo uleedhaan si reebuu ykn cuupheedhaan si waraanuu dandaʼu. Maarree, Yesus namootaa wajjin akka wal hin lolle kan nu gorse maaliif akka taʼe amma hubattee?—
Namoonni kaan utuu wal lolanii yoo arginehoo maal gochuu qabna? Isa tokkorra goruu qabnaa?— Macaafni Qulqulluun yeroo akkasiitti maal gochuu akka qabnu nutti hima. Mee, Fakkeenya boqonnaa 26, lakkoofsa 17 baasi. Caqasichi, “Namni akkasumaan adeemee dhufee dubbii namaa keessa lixu, akkuma nama gam godhee gurra saree karaa adeemtuu qabuu ti” jedha.
Lola namootaa keessa seenuun gurra saree gam godhanii qabuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? Kana yoo goote waan miidhamtuuf akkas hin godhin!
Gurra saree gam gootee utuu qabdee maaltu uumama? Kana gochuunkee saree sana waan miidhuuf, sarichi sitti hin aaruu? Sareen sun si harkaa baʼuuf carraaqii yommuu godhu, atimmoo jabeessitee gurrasaa qabda; kunis caalaatti saricha aarsa. Yoo isa gadhiiste si ciniinuu dandaʼa. Maarree, gurrasaa qabdee yeroo dheeraadhaaf turuu dandeessaa?—
Nuyis lola namootaa gidduu yoo galle haaluma akkasiitu nu mudata. Lola sana kan kaase eenyu akka taʼe ykn sababii itti wal lolan hin beeknu taʼa. Isaan keessa inni tokko rukutamee taʼuu dandaʼa; tarii namni rukutame sun nama isa rukute jalaa waa hatee taʼuu dandaʼa. Nama rukutame kana gargaaruunimmoo, hattuu gargaaruu nutti taʼa. Kunimmoo sirrii miti mitii?
Kanaaf namoonni utuu wal lolanii yoo argite maal gochuu qabda?— Tarii mana barumsaatti yoo taʼe, fiigdee barsiisaa tokkotti himuu dandeessa. Mana barumsaatii ala yoo taʼemmoo, warrakee ykn poolisii waamuu dandeessa. Eeyyee, namoonni kaan lola yoo barbaadanillee nuyi nagaa buusuu qabna.
Namoota wal lolan yoo argite maal gochuu qabda?
Duuka buutonni Yesus warri dhugaan, namootaa wajjin wal loluurraa fagaachuuf wanta dandaʼan hunda godhu. Gorsa kana hojiirra oolchuudhaan, wanta sirrii taʼe raawwachuuf cimoo taʼuu keenya argisiisna. Macaafni Qulqulluun, namni duuka buutuu Yesus taʼe, “waan hamaa obsaan namaaf dandaʼuun isaaf in taʼa malee, nama qoccoluun [loluun] isaaf hin taʼu” jedha.—2 Ximotewos 2:24.
Lolarraa fagaachuu ilaalchisee gorsa dabalataa kenname Roomaa 12:17-21 fi 1 Phexros 3:10, 11rraa haa ilaallu.