LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 24 ful. 127-131
  • Matumaa Hattuu hin Ta’in!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Matumaa Hattuu hin Ta’in!
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Irbaata Gooftaa
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 24 ful. 127-131

BOQONNAA 24

Matumaa Hattuu Hin Taʼin!

NAMNI tokko waa si jalaa fudhatee beekaa?— Yeroo sanatti maaltu sitti dhagaʼamee ture?— Namni akkas godhu hattuu jedhama; hattuu kan jaallatummoo hin jiru. Haataʼu malee namni tokko akkamitti hattuu taʼuu akka dandaʼu beektaa? Namni kun hattuu taʼee dhalatee?—

Namoonni cubbuu dhaalanii akka dhalatan baranneerra. Kanaan kan kaʼes hundi keenya cubbuu dhaalleerra. Namni hattuu taʼee dhalate garuu hin jiru. Namni hattuu taʼe tokko, maatii gaariirraa kan dhalate taʼuu dandaʼa. Warrisaa, obboloonnisaafi obboleettonnisaa amanamoo taʼuu dandaʼu. Taʼus fedhiin inni qarshiifi wantoota bitaman argachuudhaaf qabu, hattuu akka taʼu isa gochuu dandaʼa.

Hattuun inni jalqabaa eenyu sitti fakkaata?— Mee dhimma kanarratti yaadi. Barsiisaa Guddichi yommuu samiirra turetti qaama hattuu taʼe kana beeka ture. Hattuun kun ergamaa Waaqayyoo ture. Waaqayyo ergamootasaa hunda mudaa kan hin qabne godhee erga uumee, ergamaan kun akkamitti hattuu taʼuu dandaʼeree?— Eeyyee akkuma Boqonnaa 8⁠ffaa kitaaba kanaarratti baranne, ergaman kun wanta kansaa hin taane tokko fudhachuu barbaade. Wanti kun maal akka ture ni yaadattaa?—

Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda, ergamaan kun akka isaan isa waaqeffatan barbaade. Haataʼu malee inni waaqeffatamuuf mirga hin qabu ture. Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoon qofa waaqeffachuu qabu turan. Taʼus ergamaan kun waaqeffannaa Waaqayyoof dhihaachuu qabu hate. Addaamiifi Hewwaan akka isa waaqeffatan gochuudhaan hattuu taʼe. Kanaan kan kaʼes Seexana isa Diiyaabilos jedhamu taʼe.

Namni tokko hattuu akka taʼu kan isa godhu maalidha?— Wanta kansaa hin taane hawwuusaati. Hawwiin akkasii cimaa waan taʼeef, namoonni gaariinillee wanta gadhee akka raawwatan gochuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko namoonni hattuu taʼan matumaa gochasaanii kanarraa deebiʼanii namoota gaarii taʼuu hin dandaʼan. Ergamoota Yesus keessaa tokko nama akkasii ture. Innis Yihudaa isa biyya Keriyotidha.

Yihudaan ijoollummaasaatii jalqabee Seera Waaqayyoo waan barateef, hatuun dogoggora taʼuusaa beeka ture. Yeroo tokko Waaqayyo, “Hin hatin!” jechuudhaan sabasaatti akka dubbate beeka ture. (Baʼuu 20:15) Yihudaan yeroo guddatu, Barsiisaa Guddichaa wajjin wal baree duuka buutuusaa taʼeera. Yeroo boodas Yesus ergamootasaa 12n keessaa tokko akka taʼu isa filateera.

Yesusiifi ergamoonnisaa waliin adeemu, akkasumas waliin nyaatu turan. Qarshiin gareedhaan qabanis saanduqa tokko keessa kaaʼama ture. Yesus saanduqa kana akka qabu Yihudaatti kenne. Qarshiin kun garuu kan Yihudaa akka hin turre beekamaadha. Haataʼu malee, yeroo muraasa booda Yihudaan maal akka godhe beektaa?—

Yihudaan saanduqa qarshii Yesus akka qabuuf itti kenne keessaa hata ture

Yihudaan hattuu kan taʼe maaliifi?

Yihudaan akkas gochuu kan hin qabne taʼus, saanduqicha keessaa qarshii fudhachuu jalqabe. Qarshii kana warri kaan utuu isa hin argin kan fudhatu siʼa taʼu, carraa itti qarshii dabalataa fudhatu argachuufis yaalii godha ture. Sana booda waaʼee qarshii qofa yaaduu jalqabe. Fedhiin dogoggora taʼe kun, Yihudaan Barsiisaa Guddichi duʼuusaa guyyoota muraasa dura maal gochuuf akka isa kakaase haa ilaallu.

Michuu Yesus kan ture Alaazaar, obboleettii Maariyaam jedhamtu qaba ture; Isheen, urgooftuu gati jabeessa tokko fiddee miilla Yesus dibde. Haataʼu malee, Yihudaan gocha kana ni morme. Sababiisaa beektaa?— Urgooftuun kun gurguramee hiyyeessotaaf kennamuu dandaʼa jedhe. Kana kan jedhe garuu, qarshii hedduu saanduqicha keessaa hatuu dandaʼu argachuu waan barbaadeef ture.—Yohannis 12:1-6.

Yesus garuu, Maariyaam ishee nama gaarii turte kana akka hin rakkisne Yihudaatti hime. Yihudaan wanta Yesus itti dubbate kanatti waan mufateef, angafoota lubootaa warra diina Yesus turan bira dhaqe. Isaanis Yesusiin qabuu barbaadan; taʼus namoonni akka isaan hin arginetti halkaniin kana gochuu barbaadan.

Yihudaanis angafoota lubootaa kanaan, ‘Qarshii yoo naa kennitan akkamitti Yesusiin qabachuu akka dandeessan isinittan hima. Hammam naa kaffaltu?’ jedheen.

Luboonni sunis, ‘Meetii soddoma sii kennina’ jedhaniin.—Maatewos 26:14-16.

Yihudaanis qarshicha fudhate. Kana gochuunsaa, Barsiisaa Guddicha namoota kanatti dabarsee akka gurguretti ilaalama. Namni tokko hojii gadhee akkasii raawwachuu dandaʼa jettee yaaddaa?— Eeyyee, namni tokko yommuu hattuu taʼuudhaan qarshii namaa fudhachuu barbaadu wanta akkasii gochuu dandaʼa. Namni akkasii namoota kaan, akkasumas Waaqayyo caalaallee qarshii jaallata.

Tarii atis, ‘Yihowaa caalaa waanan jaalladhu hin qabu’ jetta taʼa. Akkas sitti dhagaʼamuunsaas sirriidha. Yihudaanis yommuu Yesus ergamaasaa akka taʼu isa filatee ture, akkasuma itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Namoonni yeroo booda hattuu taʼanis akkasuma itti dhagaʼamaa kan ture taʼuu dandaʼu. Mee waaʼee namoota kanaa haa ilaallu.

Akaan uffata miidhagaa fi warqee baatee jira; Daawit Baat-sheebaa ilaalaa jira

Akaanii fi Daawit wantoota gadhee akkamiirratti yaadaa jiru?

Isaan keessaa inni tokko Akaan isa Waaqayyoon tajaajilaa ture siʼa taʼu, inni nama Barsiisaa Guddichi utuu hin dhalatin waggoota dheeraa dura jiraatedha. Akaan uffata miidhagaa, warqeefi meetii muraasa arge. Wantoonni kun garuu kan isaa hin turre. Macaafni Qulqulluun, wantoonni kun diinota saba Waaqayyorraa kan fudhataman waan taʼaniif kan Yihowaa akka turan dubbata. Akaan garuu wantoota kana garmalee waan hawweef ni hate.—Iyaasuu 6:19; 7:11, 20-22.

Namni hanna raawwate inni kaanimmoo Daawitidha. Bara dheeraa dura Yihowaan Daawit saba Israaʼelirratti mootii akka taʼu isa filatee ture. Gaaf tokko Daawit dubartii bareedduu Baat-Sheebaa jedhamtu tokko ilaaluu jalqabe. Daawit yeroo dheeraadhaaf waan ishee ilaaleef, haadha manaasaa akka taatuuf gara manasaatti ishee fudhachuu barbaade. Haataʼu malee isheen haadha manaa Uriiyaa turte. Yeroo kanatti Daawit maal gochuu qaba ture?—

Daawit Baat-Sheebaa fudhachuuf hawwuusaa dhiisuu qaba ture. Inni garuu akkas hin goone. Kanaa mannaa gara manasaatti ishee fudhate. Achiis Uriiyaan akka ajjeefamu godhe. Daawit wanta gadhee akkasii kan raawwate maaliif ture?— Dubartii haadha manaa nama garabiraa taate hawwuusaa waan itti fufeefidha.—2 Saamuʼel 11:2-27.

Abiishaalom harkasaa namicha tokkorra kaa’ee itti haasaasaa jira

Abiishaalom hattuu kan taʼe akkamitti?

Daawit gochasaatiif dhiifama waan gaafateef, Yihowaan akka inni lubbuudhaan jiraatu heyyameeraaf. Taʼus, Daawit kana gochuusaatti rakkinni hedduun isarra gaʼeera. Ilmisaa Abiishaalom mootummaa Daawit fudhachuuf yaalii godheera. Yeroo namoonni gara Daawit dhufan, Abiishaalom hammatee isaan dhungata ture. Macaafni Qulqulluun, “Abiishaalomis garaa warra Israaʼel hate, [hiika bara 1899]” jechuudhaan dubbata. Abiishaalom, namoonni kun Daawitiin utuu hin taʼin isa mootii akka godhatan barbaada ture.—2 Saamuʼel 15:1-12.

Atoo akka Akaan, akka Daawitiifi akka Abiishaalom wanta tokko garmalee hawwitee beektaa?— Miʼa nama garabiraa utuu hin heyyamsiisin fudhachuun hanna jedhama. Seexanni inni yeroo jalqabaatiif hattuu taʼe sun maal hawwee akka ture beektaa?— Namoonni Waaqayyoon utuu hin taʼin, isa akka waaqeffatan barbaade. Kanaaf, Seexanni yeroo Addaamiifi Hewwaan akka isa waaqeffatan godhetti hattuu taʼeera.

Namni tokko waan tokko yoo qabaate, wanta sanatti eenyu akka fayyadamu murteessuuf mirga qaba. Fakkeenyaaf, ijoollee wajjin taphachuuf gara manasaanii dhaqxa taʼa. Miʼa tokko manasaaniitii fudhattee gara manakeetti fiduun sirriidhaa?— Haati ykn abbaan ijoollee sanaa yoo sii heyyaman malee kana gochuunkee sirrii miti. Utuu isaan hin gaafatin waan tokko gara mana keetti fiduun hannadha.

Hatuuf kan qoramtu maaliif taʼuu dandaʼa?— Wanta kankee hin taane tokko waan hawwituufidha. Yeroo wanta sana fudhattu namni garabiraan si arguu baatuyyuu, eenyutu si arga?— Yihowaatu si arga. Waaqayyommoo hanna akka jibbu yaadachuun nu barbaachisa. Kanaaf, jaalalli Waaqayyoofi namootaaf qabdu matumaa hattuu akka hin taane si gargaara.

Macaafni Qulqulluun hanni dogoggora akka taʼe ibsa. Maarqos 10:17-19; Roomaa 13:9 fi Efesoon 4:28 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi