LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kp ful. 3-5
  • Biyyi Lafaa Kun Garamitti Adeemaa Jira?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Biyyi Lafaa Kun Garamitti Adeemaa Jira?
  • Dammaqinaan Eegaa!
Dammaqinaan Eegaa!
kp ful. 3-5

Biyyi Lafaa Kun Garamitti Adeemaa Jira?

Rakkoowwan gurguddaaniifi wantoonni nama suukaneessan addunyaa maratti oduuwwan baraman ta’aniiru. Kana jechuun maal jechuudha?

TASGABBII: Gabaatti Boombiiwwan ni roobsamu. Barsiistonniifi barattoonni mana barumsaa keessatti rasaasaan wal ajjeesu. Ijoolleen Battaluma warri ija irraa buqqifatanitti hatamu. Dubartoonniifi namoonni dullooman guyyaa saafaadhaan miidhaaniif saamichi irra ga’a.

HAALA AMANTAA: Sabni Kristiyaanaa garee siyaasaa waraanarratti hirmaatu deggaru. Dura buutonni amantii, duula saba tokko balleessuuf godhamurratti hirmaachuusaaniitiin himatamaniiru. Luboonni ijoollee kan gudeedan yeroo ta’u, gochisaanii kunis manuma sagadaa keessatti haguugamee hafa. Lakkoofsi namoota gara mana sagadaa dhaqanii baay’ee xiqqaachuusaatiin, manneen sagadaa gurguramaniiru.

HAALA NAANNOO: Daldalaaf jecha bosonni mancaafameera. Namoonni hiyyeeyyii ta’an qoraaniif jecha bosona mancaasaniiru. Burqituuwwan bishaanii xuraa’uusaaniitiin kan ka’e, dhugaatiif hin ta’ani. Alantoon [siicoon] warshaalee keessaa ba’u, lagaafi garbatti nam’uudhaan qurxummiiwwan fixa. Qilleensi naannoo keenyatti argamu jireenyaaf mijaa’aa miti.

GALII: Galiin namoota biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadi jiranii baay’ee gad aanaa akka ta’e gabaafameera. Hoggantoonni ofittoo ta’an kufaatiin dinagdee akka ga’u gochuudhaan, namoota kumaatamaan lakkaa’aman hojii malee hambisaniiru. Investaroonni baay’een gowwomsaadhaan kan ka’e qarshii waggoota dheeraadhaaf walitti qabaa turan dhabaniiru.

HANQINA NYAATAA: Guutummaa biyya lafaatti namoonni 800,000,000 ta’an hanqina nyaataatiin rakkachaa jiru.

WARAANA: Jaarraa 20⁠ffaatti namoonni miliyoona 100 ol ta’an lubbuusaanii dhabaniiru. Baay’inni niiwkularii yeroo har’aatti argamu ilmaan namaa al baay’ee balleessuu danda’a. Waraana wali waliiniifi goolii uumtummaan guutummaa biyya lafaa waliin ga’eera.

DHAHICHAAFI DHUKKUBOOTA GARAGARAA: Bara 1918 jalqabee, dhukkubni Lashee ykn Influweenzaa namoota 21,000,000 ta’an ajjeeseera. EEDSIIN “seenaa ilmaan namaa keessatti yeroo kamiyyuu caalaa dhukkuba namoota hedduu fixu” ta’eera. Kaansariiniifi dhukubni onnee guutummaa biyya lafaarratti gadda geessisaa jira.

Oduu tokko yeroo dhageessu bal’inaan yaaduuf yaali. Wanti kun

[Saanduqa/Fakkii fuula 5rra jiru]

Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?

Namoonni hedduun, wantoonni nama suukanneessan yeroo isaan mudatu, nama jaallatan yeroo du’aan dhaban yknqabeenyasaanii yeroo dhaban, Waaqayyo wantoota kana maaliif callisee ilaalaa? jedhanii gaafatu.

Waaqayyo waa’ee keenya ni yaada. Waaqayyo, yeroo ammaatti qajeelfama itti amanamnuufi boqonnaa gaarii nuufidan nuu qopheesseera. (Maatewos 11:​28-​30; 2Ximotewos 3:​16, 17) Jal’ina, dhukkubaafi du’a bara baraaf balleessuuf qophii godheera. Qophiiwwansaa kun saba tokkoof qofa utuu hin ta’in, saba hundaa, gosaafi namoota afaan adda addaa dubbataniifis akka yaadu argisiisa.​—Hojii Ergamootaa 10:​34, 35.

Nutihoo, waa’ee kaayyoosaa hangam yaadna? Uumaan bantiiwwan waaqaafi lafaa, eenyu akka ta’e beektaa? Maqaansaa eenyuu? Kaayyoonsaa maalidhaa? Inni gaaffiiwwan kanaaf Macaafa Qulqulluu keessatti deebii kenna. Sagaleesaa keessatti, jal’ina, dhukkubaafi du’a balleessuuf tarkaanffiiwwan akkamii akka fudhachaa jiru nuu ibseera. Qophii kanarraa faayidaa argachuuf, gama keenyaan maal gochuu qabnaa? Waa’eesaafi waa’ee kaayyoosaa barachuu qabna. Isatti yoo amanne malee, qophiiwan inni nuu qopheesserraa faayidaa arganna jennee eeguu dandeenya? (Yohannis 3:​16; Ibroota 11:​6) Kana malees, ulaagaaleesaatiif ajajamuun barbaachisaadha. (1Yohannis 5:​3) Dhugumaan ulaagaaleesaatiif ajajamuuf fedhii qabdaa?

Waaqayyo wantoota yeroo har’aatti ta’aa jiran maaliif akka heeyyame beekuuf, wanta barbaachisaa ta’e tokko hubachuu qabna. Macaafni Qulqulluun waa’ee kanaa ni ibsa. Wanti barbaachisaa ta’e kun, fuula15⁠rratti ibsameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi